Dhibeen Gifiraa hawwaasa Oromoo Salaalee jiraatu hedduu gaaga’aa jira.

Werara dhukkuba Gifiraa Salaalee fi Shawaa Lixaa mudatee jiruun namooti hedduun lubbuu dhabaa jiraachuun barame.

Gabaasa arganne irraa akka hubatametti naannawaa Finfinnee Godinoota akka Salaalee fi Lixa Shawa Aanaalee baadiyyaa hedduu keessatti dhukkubni daddarbaan kun hedduu gaaga’ama dhaqqabsiiseera. Dhibeen namaa namatti daddarbu kun lubbuu namootaa naannaawaa jedhame kanaa miidhaa jiraachuudha kan himame.

Dhukkubni kuni daa’immani fi namoota ga’eessota hedduus gaaga’iinsa lubbuu galaafachuu irraan gaheera jedha qaamni bakkarraa ragaa qabataamaa funaane.

Fakkeenyaaf gara Salaale Aanaa warra Jaarsoo Ganda Faajjii Ejersaa jedhamu keessatti qofa namoota 20 ol-ta’antu dhukkuba kanaan lubbuunis darbe jedhameera.

Dhukkubni kuni akka kanatti itti fufnaan yeroo dhiyootti Godinoota ollaa warra kanaa jiranii fi Aanaalee hedduu keessa faca’ee ummata keenya miidhuus akka danda’u sodaa uumeera.

Kanaaf uummati Oromoo marti qooda irraa eegamu bahachuun miidhaa dhukkuba kanaan gahaa jiru hir’isuuf hojjechuu akka qabu dhaamameera.

Dhaabbileen akka Waldaan Qaxxaamura Diimaa ta’ee, keellaawwan fayyaa, dhaabbileen tola ooltotni biyya keessaaf alaa ummata keenyaaf quuqama qabdan fi dhaabbileen dhuunfaa dhimmi fayyaa ummata keenyaa isin ilaallatu kamuu tumsa lubbuu baraaru ummata keenyaaf akka gootan isin gaafanna jedha gabaasaan arganne.

Akka gabaasaalee bahaa jiraaniitti maqaa fi umuriin namoota Gifiraan lubbuu dhabanii tarrisamee miidiyaa hawwaasaan qoodameera.

Leave a Reply