Siidaan Wellisaa Eebbisaa Addunyaa hojjetame.

Yeroo namni maqaa ABO akkasuma WBO jedhu dhahuu sodaatutti wallee leellisa isaa hojjete. Eebbisaa Addunyaa wellisaa Oromoo qofa osoo hin taane beenzila qabsoo Oromoo jechuun nii danda’ama.

Ta’us walleewwan isaa kun diinaaf fira ija keessa buusan. Firri dhokfachuuf diinni alanfachuuf jomomi’e. Kana keessatti qarriffaan isaa jabaa kan ta’e Wayyaanee afaan bu’e. Aarsaa lubbuu qaalii kaffalee reeffisaa konkolaataatti hidhame.

Har’a waggaa 28 booda Siidaan Wellisaa Eebbisaa Addunyaa bakka dhaloota isaatti hojjetameef. Seenaa qabsoo Oromoo keessatti qooda guddaa kan qabu weellisaa Eebbisaa Addunyaa, Hagayya 30, bara 1996 wareegame. Sirboota qabsoo Ummata Oromoo daranuu jabeessan hedduu gumaacheera. “Namni seenaa isaa hin beekne Bishaan gabateerraati gara argetti jallata” kan jedhu dabalatee wallee hedduu uummataa gumaache. ABO dhaadessuu keessatti qooda hangafaa nama qabudha.

Ogummaa gitaaraa, walaloowwan jajjaboo hamilee ummataa cimsanii fi dhuunfaadhaanis qabsoo keessatti nama qooda fudhatedha.

Hacuuccaa ummata Oromoorra ga’aa tureef onnee guutuudhaan qabsaa’aa ture. Eebbisaan Gama tokkoon seenaa fi afaan Oromoo guddisuu, gama biraan ammoo qabsoo diddaa gabrummaa keessatti qooda fudhachaa ture, boodarra muuziqaaf jireenyasaa kennee utuu hojjetuu du’e.

Waggaa 28 booda magaalaa Danbi Doollootti dhaloota kaayyoo fi Akeeka inni itti wareegametti cichaniin Siidaan dhaabbachuufii gabaasaan arganne ifoomsaniiru.

Leave a Reply