Dhiibbaa qaama mootummaarraan isa mudateef jecha qorannaa Battee addaan kutuu KMNI beeksise

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ajjeechaa obbo Battee Urgeessaa irratti qorannoo taasisaa ture addaan kutuuf dirqamuusaa beeksise.

Ajjeefamuu qondaala siyaasaa ABO obbo Battee Urgeessaa hordofee garee qorannoo geggeessu hundeessee magaalaa Maqiitti bobbaasee kan ture Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa, qorannoo sana geggeessuu akka dhiisuuf dhiibbaan irratti geggeeffamee qorannicha addaan kutuuf akka dirqame xalayaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti barreesseen hubachiiseera. Taatee ajjeechaa sana namoota ijaan arganirraa odeeffannoo fudhateen humnoonni nageenyaa mootummaa ajjeechaa kana keessaa akka harka qaban komishinichi xalayaa kana keessatti eereera.

Komishinichi xalayaa fuula lamaa kana irratti akka beeksisetti, obbo Batteen gaafa Ebla 9/2024 galgala furtuu kutaa ciisichaa isaanii bakka keessummeessa hoteelichaatti dhiisanii irbaata booda akka deebi’an himanii akka ba’aniifi hoteela obbo Batteen kutaa ciisichaa keessaa qabatanii turan sana keessaa erga obbo Batteen ba’anii booda qaamni tika mootummaa lama kan siviliidhaan jiraniifi namoonni meeshaa waraanaa hidhatanii uffata waraanaa uffatanii turan afur kutaa ciisichaa akka qabatan ibseera.

Guyyuma sana halkan konkolaataan piikaappii tokko magaalaa keessaa ba’uudhaan namni afur kan meeshaa waraanaa hidhataniifi uffata waraanaa uffatan mataarraa booneetii diimaa kan qaban duuba konkolaataarraa nama tokko buusanii itti deddeebisanii itti dhukaasuudhaan ajjeesanii akka deeman komishinichi namoota ijaan argan irraa odeeffachuusaa eeree xalayaa kana keessatti ibseera. Ebla 10 ganama reeffi obbo Battee kan harki duubatti hidhamee jiruufi rasaasaan mataarra, lapheefi garaarra rukkutame argamuusaa komishinichi xalayaa kana keessatti ibseera.

Komishinichi erga odeeffannoo jalqabaa kana fudhatee booda Ebla 11 odeeffannoo dabalataa fudhachuuf namoota ijaan argan dubbisuuf yommuu yaalutti, namoonni taatee ajjeechaa kana ijaan argan akka hidhaman baree poolisiin nageenya isaaniif to’annoo jala akka oolche ibsus, komishinichi namoota kana dubbisuu akka dhorkame xalayaa kana keessatti eereera.

Komishiniin mirga Namoomaa Itoophiyaa kun akka ibsetti, nageenya ragaalee eeguuf carraaqii guddaa taasisaa turullee, humnoonni nageenyaa mootummaa garee qorattootaa komishinichi bobbaase kanneen qorannoo kana geggeessuuf magaalaa Maqii keessa socho’aa turan qabee hidhee akka tureefi maatii obbo Battee kan odeffannoo kennuurratti gargaaraa turan poolisiin to’annoo jala oolcheera. Namoonniifi konkolaattonni eenyummaan isaanii hin beekamne ogeeyyioi qorannoo hordofanii adeemsa qorannoo danqaa turani” jedha xalayaan kun.
“Nageenya ogeeyyii qorannoo, kan ragaalee fi namoota qorannoo kana keessatti hirmaatanii mirkaneessuuf, Komishinichi hojii ragaa walitti qabuu magaalattii keessatti hojjechaa ture “dhiisuuf dirqame” jechuudhaan beeksiseera.

Komishinichi Qorannoo isaa keessatti gufuun akka hin uumamne” mirkaneessuuf, aanga’oonni mootummaa naannoo hojii isaaf tumsa barbaachisaa ta’e akkaataa seeraan tumameen akka kennan gaafateera. Akkasumas ragaalee hidhaman kanneen Komishinichaaf odeeffannoo kennuu irratti tumsan hatattamaan daawwachuu fi wal arguun, akkasumas maatii miidhamaa, fi shakkamtoota biroo to’annaa poolisii jala jiran irratti dhiittaa mirga namoomaa ittisuuf hordoffiin barbaachisaa ta’e akka godhamu gaafateera.

Komishinichi gabaasa argannoo qorannoo fi yaada isaa ifatti maxxansuu isaa dura guyyoota hojii kudhan keessatti qondaaltota dhimmi ilaallatu waliin “mariidhaaf qophii ta’uu” xalayaa kanaan aangawoota dhimmi ilaallatu beeksisuusaa hubachiiseera.
Xalayaa Komishinii Mirga Namoomaa kana ilaalchisee gama mootummaatiin haga oduun kun qophaa’etti wanti jedhame hin jiru.

Maddi oduu kanaa gabaasa Addis Standard xalayaa komishinichi Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaaf barreesse wabeeffatee qopheessedha.

Leave a Reply