Mariin haqa qabeessi biyyattii keessatti barbaachisu kan qaamolee waraana keessa jiran makate qofaadha jedha ABO-WBO’n ibsa baaseen.

ABO-WBO Marii Biyyaalessaa, Haqa Yeroo Ce’umsaa fi hidhannoo hiikkachuu ilaalchisee ibsa baaseen, mariin biyyaalessaa rakkoo siyaasaa Itoophiyaa mudate kan furuu danda’u yoo qaamolee waraana gaggeessaa jiran irraa jalqabee hawwaasa bal’aa hammachuutti ce’edha jedhe.

ABO-WBO ibsa kana kan baase manni-maree ministeerotaa torban lama dura imaammata haqa ce’umsaa raggaasisuu hordofeeti. Haala Itoophiyaa bu’uura kan godhate “adeemsa haqni ce’umsaa qindaa’aafi walsimataa ta’e ittiin gaggeeffamuufi sirna ittiin hojiirra oolu diriirsuu” kan jedhu kaayyoo imaammatichaati.

“Nageenya waara’aa, araara, olaantummaan seeraa, haqaafi dimokiraasiin kan keessatti mirkanaa’u haala mijeessuu” kan jedhu kaayyoo imaammatichaa biraa ta’uu sanadicharratti eerameera.

Sanadiin imaammatichaa mana-maree ministeerotaatiin kan raggaasifame filannoowwan imaammataa haqa ce’umsaa jechuun qophaa’ee waggaa tokkoon boodadha.

Haa tahu malee, ofii qaama marii kanaa kan hin taane ABO-WBO mariin biyyaalessaa Itoophiyaa bu’aa barbaadame argamsiisuuf qaamolee dirree irraa wal waraanan hammachuu qaba jedhe.

Kana milkeessuuf ammoo dirree siyaasaa banaa gochuu fi komishinii walabaa hundeessuun akka barbaachisu ibse. Mootummaan Itoophiyaa fi ABO-WBO Taanzaaniyaatti marii nageenyaa marsa lama gaggeessuun osoo waliigalteerra hin gahiin hafan.

Mootummaan kutaalee Oromiyaa akka Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu, Gujii fi Shawaa Lixaa fa’aa keessatti ABO-WBO irratti oppireeshinii gaggeessaa jira jechuun uummatarra miidhaa geessisaa jira. Balaa maqaa WBO haleeluu jedhuun mootummaan uumeen qe’een Oromoota hedduu gaaga’amaaf saaxilameera.

Naannoon Oromiyaa balaa waraanaa hamaa keessatti kufuun har’a waggaa shanii ol lakkoofsisaa jira. Bulchiinsi biyyattis kan waraanaa ta’uun, seeraaf heera biyyattiin faallaa kan ta’e komaand post’n waggoota 5 ol Oromiyaa cafaqee dhiitee bulchaa jira. Haala kana keessatti haqni uummataa baduu, rakkoon hawwaasaa furmaata maseenuu, oomishni danqamuuf kan oomishame barbadaa’uuf saaxilame.

Marii biyyaaleessaa rakkoo biyyattii fura jechuun dhaadeeffamus caasaa PP irraa walaba ta’uu dadhabuurraa ABO fi KFO’n qooda irraa fudhachuu didaniiru. ABO-WBO nis ibsa har’a baaseen marii biyyaaleessaa hiika qabu gaggeessuuf haldureewwan amansiisaa jechisiisan lafa kaaheera. Isaan keessaa qaamni marii biyyaaleessaa hogganu paartii kam irraa walabu ta’uu akka qabu akeekeera.

Leave a Reply