Dr. Bayaan Asoobaa

Walitti Qabaa Hayyoota Gadaa Oromoo, Bayaan Asoobaa (Ph.D)

Ergaa walitti qabaa Hayyoota Gadaa Oromoo 

Hunda dura dursee baga waamicha keenya dhageessanii naagaan dhuftani. Dhimma waltajjii hayyoota Gadaa Kampaalaarratti ta’e otuu dubbatiin haala yeroo ammaa kana oromoon keessa jiru tuquun gaarii natti fakkaata. 

Sabni keenya bara dheeraadhaaf bilisummaaf qabsaa’aa jira. Keessumaa bara 2014 fi 2018 gidduu warraaqsi qeerroon oromoo, sabni oromoo geggeessaa ture ni yaadattu. Warraaqsii fi wareegamni tahe kun oromoo aangessuuf cunqursaa waggaa dheeraa akka sabaatti nurra ture nurraa kaasuuf  ture.  Garuu bilisummaan barbaadamu akka hawwame hin taane, Akeeki qabsoo sanii hatamee bilisummaa otuu hin ta’iin cunqursaa yeroo kamirrallee seenaa oromoo keessatti ulfaatetu oromoo mudate. 

Barri keessa jirru bara cunqursaa, saamichaa, shororkaa fi sirna keenya Gadaa balleesuun olaantummaa Sirna Habashaa deebisuuf carraaqamudha. Olaantummaa sirnichaa deebisuuf gufuun akka saba oromoo taheetti nurratti hojjetamaa jira. Amma gaaffiin guddaan akkamitti garbummaa kana jalaa bahuun dandaahamaadha.

Deebiin isaa gabaabaan tokkummaa oromoo qofaan dura dhaabannee milkaahuu dandeenya. Tokkummaatu kabaja dhabne nuuf debebisa.

Maaltu Tokkummaa kana nuuf fida? yoo jenne Gadaa keenya. Gadaan bilisummaadha, Gadaan humna, Gadaan nagaa Oromooti, Gadaan bulchiinsa oromooti. Sirni ormoof Gadaa Caalu hin jiru.

Erga Gadaan oromoof waan hunda tahee maaliif Gadaarratti ijaaramnee oromoo hunda hirmaachifnee, waan keenyaan durfamnee waan Oromoon hawwuun hin geenyu gaaffii jedhuun korri seena qabeessi Hayyoota Gadaa Oromootiin Kampaalaa Ugaandaatti taasifame. Akeekni kanaas oromoon hundi itti hirmaatee murtiilee gurguddaa dabarsuun Yaayyaba Shana labse. Yayyabni shanan kun waamicha oromoof godhamedha. Maaliif qabsoofna, bilisoomnee hoo akkamiin bulla? gaaffii jedhuuf yaada dhiheesse.

Murtiin korri kun godhe guddaan Sagalii Oromoo akka Heera Gadaatti, Hayyoota Gadaa Addunyaa irra jiraniifi of kennan hundaaf waamicha dhiheessuun “kottaa Gadaa keenya cimfannaa” jechuun murtoo dabarse.

Anis haaluma kanaan Oromoon na dhagahu hundinuu, Ilmi Oromoo, Intalli Oromoo hundi, Sabni Oromoo hundi waamicha korri kun godhe akka owwaatun kabajaa guddaan, Obbolummaan isiniif dabarsa.

Leave a Reply