Ilma namaa lubbuun jiruu bifa nama suukanneessuun osoo dararamuu Vidiyoon agarsiisu miidiyaa hawwaasaan qoodame.

Vidiyoon Kibba Oromiyaa Gujii ta’uu eeruun tibbana miidiyaa hawwaasaan qoodame daran qalbii namaa kan cabsu ta’e. Viidiyoo maxxane kanarraa loltoonni uffata dambii mootummaa Itoophiyaa uffatan afaan Amaariffaan ilma namaa bool’a gadi qotamee jiru keessatti irra dhaabbatanii osoo tumanii agarsiisa.

Dararaan nama kanarra dhaqqabuun reebicha ulfaataa irra gaheen uffatni kan irratti ciccite jala ciisee osoo kadhatuu agarsiisa. Meeshaa qara qabu Cuubee kan fakkaatu afaan isaa keessa kaahuun lukaan irra osoo ejjatee loltuun tokko reebuu, akkasuma afaan Qawween asii gadi osoo tumuu mul’ata. Loltoonni biroon ammoo itti naanna’anii ilaalu.

Gochi sukaneessan kun Gujii Bahaa Ona Gooroo Doolaa ganda Saraansar keessatti raawwatame kan jedhu maxxansu miidiyaa hawwaasaarraa, miidhaan kun ilma Oromoo nagaa qabanii WBO waliin hidhata qabdaa jechuun dararuu isaanii eerame.

Humnoonni mootummaa Oromiyaa iddoowwan addaa addaatti ajjeechaa suukkanneessaa namoota nagaa irratti raawwachuun baratamaa ta’ullee bifa qalbii namaa jeequun, tokko afaan qawween afaan isaa keessa kaahee yoo doorsisu, tuuti waraanaa itti naanna’an barruu miila akka ol qabu erga ajajanii booda loltuu biroon ammoo osoo Barruu miilaa keessa tumuu vidiyoo san irraa mul’ata.

Gara jabummaan isaanii haalaan uummataan himamaa kan ture loltoonni mootummaa tasumaa miira namummaa dhabuun gochaa hammaataa akkanaa dalaguu isaanii namoota hedduu dheekkasiiseera.

Gochi humnoonni mootummaa heddummatanii nama tokkicha kana irratti raawwatan seeraan ala akka ta’eefi gocha gara jabeenyaa ulfaataa ta’uu namoota addaa addaa biratti komii kaaseera.

Humnoonni mootummaa itti marsanii jiran kun uffata raayyaa ittisa biyyaa akkasumas kan poolisii federaalaa uffatanii afaan Oromoofi Amaariffaan itti dubbachaa miidhamaa sana ciibsanii irra dhaabbachuun qaama isaa wawwaraanaa gocha suukkanneessaa yoo irratti raawwatantu viidiyoo kana irraa argama.

Miidhamaa kana irratti reebichiifi dararaan ulfaataa raawwachaa turuu isaanii “akka bofaa tumaa bulus hin duutu” jechuun miseensi poolisii tokko yoo dubbatu sagaleen isaa ni dhaga’ama.

Gochoonni walfakkaataan Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Yaamaalogii ganda Gurraattii walalittis dargaggoota sadii irratti raawwatamuun dargaggoon tokko miliqee lubbuu isaa yoo oolfatu lama ajjeefamuu maddeen himaniiru.

Torban tokko dura Aanaa Yaamaa Logii ganda Gurraattii Walal iddoo addaa Duddaa jedhamutti namoonni sadii tokko jiraataa ganda Gurraattii Walaliifi lama immoo ganda laaloo Lomicaa kan ta’an humnoonni mootummaa qabuun namoota lama irraa tokko irraa birrii kuma 40 kan 2ffaa irraa immoo kuma 35 fudhatan jedhame.

Namoonni kunneen horii bituun daldalu kan jedhan maddeen, kanaan duraa buufata warra daandii hojjetanii kan ture, amma mooraa waraanaa kan ta’eefi ganda laaloo loomicaa Dimboo tti geessuu maddeen himan.

Mooraa sana geessuun nama 3ffaa birrii harkaa dhaban irratti reebicha ulfaataa raawwachaa erga turanii, namni reebaa ture sun xiqqoo boqodheen sitti deeba jechuun xiqqoo yoo irraa fagaatu halkan sana moorichaa miliquun dhukaasa irratti bananis lubbuun hafee jalaa ba’uu maddeen himaniiru.

Namoonni achitti hafan lamaan Gammadaa Hirkiisaa abbaa ijoollee lamaafi Hambee Tarfaa dargaggeessa bara darbe barnoota kutaa 12ffaa xumureefi guyyoota lamaa booda bultii ijaarrachuuf jiru battalumatti ajjeesuun moorichuma keessatti awwalan jedhame.

Maatiifi jiraattonni naannoo nama miliqee ba’e sana irraa odeeffannoo argataniin reeffa akka kennaniif kadhatanis dhowwachaa turuun guyyaa lamaa booda reeffisaanii iddoo itti awwalanii baasanii maatiif kennan jedhame.

Godinichatti gochoonni suukkanneessoo raawwatamaa ooluu kan himan maddeen, sababa network hin jirreef odeeffannoon ba’uu dhabuun waan uummatichi keessa jiru dhokatee hafaa jira jedhame.

Rakkoowwan akkanaa guutummaa Oromiyaa keessaa kan dhagaa’aman yoo ta’u hawwaasni nagaan sababa gocha gara jabeenyaan guutame kanaan bahee galuuf yaaddoo guddaa keessa seenuu himame. Mootummaan Itoophiyaa yaada mormitoota jiilchuu jedhuun tarkaanfii akkanaa akka fudhatamu taasisuu kan himamu yoo ta’u, kun ta’ee garuu biyyattii keessatti mormitoonnii fi baayyinni WBO akka dabalu taasisuun ala gochi gara jabeenyaan guutame nagaa mootummaaf fide hin qabu.

Leave a Reply