Balaa abiddaa Kibba Oromiyaa Booranatti mudateen barsiiftuu tokko dabalatee namooti 3 lubbuun darban.

Dilbata kaleessaa balaa Abiddaa Kibba Oromiyaa godina Boorana Lixaa aanaa Dillootti mudateen lubbuun namaa darbuu himame.

Odeefannoo marsaalee hawwaasaa irra deddeemuun namooti lubbuun isaanii balaa kanaan darbe 3 yoo ta’an isaan kana keessatti barsiiftuun Hawwii Tashoomee jedhamtu akka argamtu himame.

Waktii Bonaa kana balaan akkanaa haala mijateef argannaan kan uumamu yoo ta’u, hawwaasni eeggannoo ofii gochuu akka qabu dhaamameera. Magaalaas ta’e baadiyyaatti yeroo Bonaa kanatti itti fayyadama Abiddaa irratti hawwaasni eeggannoo akka godhu dhaamame.

Oromiyaa bakkeewwan hedduutti balaan akkasii uumamuun kan himamu yoo ta’u, magaalaatti balaa ibsaan wal quunnamuun uumamu dabalatee balaa dhalatuun mi’a daldalaa hedduun osoo barbadaa’uu nii argama. Maatii namni irraa du’eef jannata hawwina!

Leave a Reply