Barattoonni Yuunivarsiitii Arsii hiriira bahuun Oromoo Walloo cina dhaabbachuu ibsatan

Lola baatii ramaadaanaa eeggatee Oromoo Walloo irratti banamu akka dhaabbatuuf barattoonni Yuunivarsitii Arsii hiriira bahuun gaafatan.

Hiriirri kun Kiibxata kaleessaa Bitootessa 26 bara 2024 Yuunivarsiitii Arsii mooraa Diinshoo keessatti kan gaggeeffame yoo ta’u barattoonni haleellaa uummaticha irra gahu balaaleffataniiru.

Barattoonni moorichaa Kaleessa ganama naannoo sa’atii lamaa irraa eegalee akka hiriira jalqabuuf jedhaniin hooggantoonni mooraa yuunivarsiitichaa barattoota dubbisanis yaadni hooggantoonni kaasan quubsaa waan hin taaneef hiriira ba’uun sagalee isaanii dhageessisuu gabaafameera.

Bulchiinsi yuunivarsiitichaa hiriira geggeessuun hin danda’amu jechuun dhorkaa akka turanis himameera.

Uummata Walloo karaa deggeruun barbaachisuun deggeruu qabna malee as keessatti hiriira ba’uun dhowwaadha jechuun sagalee keenya akka hin dhageessifanneef nu ittisuuf yaalaa turani jedhu.

Akkuma hooggantoonni moorichaa jedhan karaa barbaachisuun uummata Walloo tumsuun barbaachisaa ta’ee osoo jiruu, gaaffii uummata keenyaa qaamonni dhimmi ilaallatu dhaga’uufi arguu qabu jennee waan amannuuf hiriira taasisuun uummata keenyaaf sagalee taanee jirra jedhan barattoonni.

Humnoonni mootummaa mooraa alaafi keessaan dhiibbaa barattoota irratti taasisuuf yaalanis tarkaanfii nurratti fudhatamuuf itti gaafatamummaa fudhannee hiriira kana baane jechuun barattoonni eeraniiru.

Haleellaan uummata Walloo irratti taasifamaa jiru haa dhaabbatuufi nageenyi isaanii haa eegamu dhaadannoowwan jedhu dhageessisaa turaniiru. Qaamni dhimmi ilaallatu rakkoo uummata Walloof birmannaa akka taasisuu qabus gaafataniiru.

Lola Faannoon uummata Oromoo Walloo irratti baatii soomaa eeggatee banuun miidhaa lubbuu fi manneen uummataa gubachuu dabalatee gaaga’amni guddaan raawwatee jira. Haleellaa saba buqqaasuu kaayyeeffatee gaggeeffame kana akka dhaabbatuuf namuu gama danda’uun sagalee dhageessisaa jira.

Leave a Reply