Dinquu Dayyaasaa

Abbaa Duulaa Dinquu Dayyaasaa

Ergaa Abbaa Duulaa

Yooyyaa; harka fuune!

Kabajamtoota ilmaan Oromoo, angafoota warra Kuush akkam jirtu? “Yaa abbaa duulaa, silaa akka itti jirru ni agartahoo; akkatti jirru maaf nu gaafatta?” hin jedhiinaa!  Baga jiraattanii guyyaa har’aa kana agartani. Yoo jiraatan, sabaaf hojjetu. Yoo jiraatan gaarii fi yaraa gargar baasu. Jiraatanii waa arguun, jiraatanii dhalootatti daandii agarsiisuun waan salphaa miti. Carraa kanayyuu kan dhaban hedduudha. Osoo ergaa fi dhaamsa qaban hin himatiin, kan biyyoon nyaatte kumaatama turan. Kanaafan baga jiraattan jedhe!

Erga waa’ee jiraachuu fi nagaa hammana jedhee, ijoo dubbiikoo har’aattin darba. Xiqqaa fi guddaa, beekaa fi wallaalaa, dheeraa fi gabaabaa, kan baratee fi hin baranne, qonnaan bulaa fi daldalaa, magaalaa fi baadiyyaa osoo hin jenne, namni kamuu sa’aatii qaburraa yeroo kenne dhaamsa kana akka narraa fudhatu kabajaanan gaafadha.

Yaa Oromoo, ati saba guddaadha. Aadaa, seenaa, safuu fi duudhaa boonsaa qabda. Sirna sirnoota addunyaa kanaaf moodeela ta’e Sirna Gadaa qabda. Faajjii hiika qabeessaa fi ulfoo qabda. Afaan bareedaa Afaan Oromoo fi seera barrreeffamaa Qubee qabda. Qilleensaa hunda galeessa, baddaa, badda-daree fi gammoojjii qabda. Lafa irra midhaanii fi jallimmoo albuudaaf bishaanii qabda. Warqeen Wallaggaa fi Shaakkisoo, Bunni Jimmaa fi Wallaggaa, Horiin Booranaa fi Gaalli Karrayyuu, Xaafiin Tuulamaa fi Maccaa, Garbuu fi Qamadiin Arsii, Jimaa fi Muduraan Harargee, Dammaa fi Dhadhaan Iluu, Dinnichi Gaalessaa fi Jalduu, Dhagaan Sanqallee fi Bishaan Amboo, Maangoo Baakkoo fi Boqqoolloon Wallaggaa sirrayyuu darbee alagaa fi addunyaa fayyadaa har’a gahe.

Yaa Oromoo; yoo ilmaan ta’e, Booranaa fi Baarentuu, Tuulamaa fi Macca, Sikkoof Mandoo, Ituu fi Humbannaa, Raayyaa fi Aseeboo qabda. Seenaattis, har’as taanaan, qabatamaan ilmaan kee gootummaa qabdi. Kanaammoo ilmaan baratte. Kg irraa kaasee hanga Doktoraa fi Pirofeesaratti qabda.

Abbaa Gadaa si gaggeessu qabda. Abbaa duulaa rakkoo fi xiiqii sirraa qolattu qabda. Haadha Siinqee araara buuftu qabda. Abbaa Bokkuu seera muru qabda. Foollee fi qeerroo sirra darbee addunyaa eegu qabda.

Irreecha arfaasaa fi birraa qabda. Abbaa Caffee qabda. Abbaa muudaa qabda. Malkaa fi tulluu qabda. Odaa qabda. Waraana/eeboo qabda. Kallachaa fi caaccuu qabda. Bokkuu fi alangaa qabda. Dirreen kee jiituudha. Margaa fi coqorsa qabda.

Yaa Oromoo; amantaa qabda. Amantiis qabda! Qaroomina qabda. Guddifachaa, Moggaasaa fi hammachiisaa qabda. Osoo manni murtii hin jiraatiiniyyuu seera ittiin lubbuu baddeef gatii kaffaltu Gumaa qabda.

Horii gaanfaa, kotte duudaa, bushaayee, allaattii fi bineensa bosonaa qabda.

Oromoon maal qaba jechuu mitii, Oromoon maal dhabe jedhanii gaafachuunuu cubbuudha.

Garuu, yaa Oromoo!

Osoo alaa fi manaan badhaamtee jirtuu, osoo hundaan guuttee jirtuu, Maaliif tokkummaa dhabdee? Maaliif afaankee tokkichaan, afaan garaa garaa dubbatta?

Maaliif ijoolleenkee iddoo sagalii fi kudhanitti wal qoqqooddee maqaa Oromoo dhiiftee, maqaa paartiin wal waamti? Sirna Gadaa itti guddatte dhiiftee, mana tokko ijaaruuf maaliif bakkee utubaa iddoo lamaa fi saditti qotti? Abaarsamoo wallaalummaadha? Ilaalcha garaa garaa qabaachuun yakka miti. Garuu, ilaalcha walii waliif kabajuurra wal kabaluun, wal qajeelchuurra wal meelchuun kun eessaa dhufe laata?

Yaa Oromoo; mee dhimma kana qalbiin taa’ii of gaafadhu. Maaltummoo nu baasa jedhii faladhu!

Sirna ganamaa qabna. Sirni keenya, sirna gaafa gammachuu fi gaafa qananii qofa ittiin wal bulchan qofa miti. Sirna gaafa rakkoo fi gamtees ittiin dhiphinaa fi badii jalaa bahan qabna. Eeyyeen Gadaan fala qaba!

Eeyyeen Gadaan fala qaba. Akkamitti jedhanii gaafachuun hayyummaadha.

Tokkummaan keenya laafeeraa? Eeyyeen! Lagaaf gandaan wal qoodneerraa? Eeyyeen! Wal tuffanneerraa? Eeyyeen! Wal xiqqeessineerraa! Eeyyeen!

Garuu, gochaawwan kun amala Oromoo hin turre. Har’as amaloonni kun kan saba Oromoo miti. Kuni hundi “eessaa nutti dhufe?” jennee of gaafachuu qabna. Badiiwwan kana mara kan nuti fide paartilee maqaa Oromootiin socho’aniidha.

Xiqqaachuu, faffaca’uu fi burjaaja’uu saba keenyaa keessaa dhaaboliin siyaasaa hedduun sababa. Maqaa Oromoo dhahachaa, sirna Oromoo tiksuu caala, sirna inni dur qabuyyuu jalaa diiganii Oromoo facaasan. Baay’ee nama gaddisiisa.

Ammoo baay’oliin isaanii sirnuma mataa ofiillee kan ittiin nu amansiisan hin qaban. Warri sirna haaraa diriirsuuf socho’an immoo hubachiisuu caala, wanti hundi karaakoo malee jedhanii warra kaan hadheessu. Kaan isaanii immoo sababaan wal mormuu caala, callisaniituma duuchittii wal jibbu. Ofii wal jibbanii nus wal nu jibbisiisan. Ofii wal qoodanii, nus nu qoodani.

Dur Oromoof Oromoon takkaa wal jibbee hin beeku. Wal qoodee hin beeku. Wal xiqqeessee hin beeku. Oromoon wal jaalata, wal kabaja. Hayyuu isaa dhaggeeffata.

Har’a garuu Gaaddisa Gadaa waan murreef, aduu fi hongeen tokkummaa nu waxalaa jira. Kanarraan kan nu gahemmoo paartilee siyaasa Oromooti. Gadaan sirna guutuudha. Sirna hanqina hin qabneedha. Namni gaaddisa Gadaa jalatti walgahu fala hin dhabu.

Ilaa yaa paartilee Oromoo fi warri maqaa Oromoon sochootan marti keessan dhaga’aa. Adaraa waaqa Oromoo wal qooddanii Oromoos hin qoodiinaa. Wal jibbitanii Oromoos wal hin jibbisiisiinaa. Sirna alagaa fi isa barnoota ammayyaatiin barattan caala, sirna Oromoo durii sirna Gadaa gadi taa’aa baradhaa.

Gadaan kana jibba hin qabu. Gadaan alagaafis, firaafis seera qaba. Uumama lafarraa fi waaqa irraaf illee seera qaba.

Namni fira mitii, alagaa waliinuu waliif araarama. Rabbiif jedhaatii, araara waliif buusaa. Garaa dhugaatiin waliif dhiisaa. Bara addunyaan afaan garaa garaa dubbattu waliin jiraattuu fi hojjettu keessa, ilmaan haadhaa fi abbaa tokkoo wal qooduun waan hin malle.

Kan wal ajjeese seera Gumaatiin gatiin haa muramuuf. Kan wal madeesse, akkaataa sirna Oromoon waliif haa araaramu. Warri yaadni isaa gargar ta’emmoo, gaaddisa Odaa jala taa’ee waliif haa galu. Yoo akkas goone ni tokkoomna. Yoo tokkoomne hin humnoomna. Yoo humnoomne yeroo mara injifataa taanee Oromoo fi Oromiyaa kabachiifnee jiraanna.

Kanaafuu, adaraa waliin mari’adhaa, waliif dhiisaa, wal kiisaa. Tokko ta’aatii mataa Oromoo ol qabaa!

Gadaan Quufaa Gabbina!

Leave a Reply