Hawwaasni Oromoo Northern California hiriira mormii gaggeesse.

Yakkaawwan ajjeechaa Oromiyaa keessaa balaaleffachuun uummatni Oromoo Northern California mormii dhageessisan. Hawwaasni kunneen walitti dhufuun balaa Oromiyaa keessatti ta’aa jiru ibsuun ajjeechaan akka dhaabbatu gaafataniiru

Oromiyaa keessatti miidhaa waraana mootummaan dhaqqabu akkaan hammaataa dhufuu dhaabbileen mirga namoomaa eeraa jiru. Inumaa bakka adda addaatti namooti nagaan waraana mootummaan ajjeefamuun, ajjeefamanii haqni isaanii akka dhokatu taasufamuun madda yaaddoo olaanaa ta’eera.

Rakkoon ajjeechaa ilmaan Oromoo qaroo ta’an irratti raawwataa jiru dhaabbachuu akka qabu hawwaasni Oromoo biyya hambaa jiraatu hiriira bahuun gaafataa jiru.

Hiriira mormii kanaan mootummoonni alaa deggarsa adda addaa taasisuun mootummaa Itoophiyaa tumsuu akka hin qabne gaafataniiru.

Leave a Reply