Itoophiyaan Dorgommii Atileetiksii Mana Keessaa Addunyaa 19ffaa Afrikaarraa 1ffaa bahuun xumurte

Shaampiyoonaa Atileetiksii Mana Keessaa Gilaasgowutti gaggeeffameen fiigicha meetira kuma 1fi 500 Dubartootaan Itoophiyaan meedaaliyaa Warqee argatteetti.

Fiigichicha Atileet Firewayiin Haayiluun 1ffaa ba’uun meedaaliyaa Warqee argamsiiste. Haaluma walfakkaatuun dorgommicha meetira 800’n Atileet Tsiggee Dhugumaa 1ffaan xumuruun meedaaliyaa Warqee argamsiiste.

Kanaanis Itoophiyaan Dorgommii Atileetiksii Mana Keessaa Addunyaa 19ffaa Afrikaarraa 1ffaa bahuun xumurteetti.

Gabaasaalee irraa hubachuun akka danda’ametti Itoophiyaan meedaaliyaa Warqee 2, Meetii 1 fi Nahaasii 1, waliigala meedaaliyaa 4 argachuun Afrikaarraa 1ffaafi addunyaarraa shanaffaa ba’uun xumurteetti.

Dorgommii atileetiksii tibbana gaggeeffamaa ture kanarratti atileetoonni biyyoota garaagaraa 130 irraa dhufan 650 ta’an hirmaataniiru.

Itoophiyaan dorgommii fiigicha meetira 800, 1,500, 3,000 dhiiroota fi dubartootaan waliigala atileetoota 13 hirmaachifteerti.

Kanaanis meedaaliyaa 4 argachuun Afrikaarraa 1ffaa, addunyaarraa 5ffaa ba’uun xumuruu gabaafamee jira.

Leave a Reply