ABO’n qondaallis siyaasaa isaa Abdii Raggaasaaf kaan mana hidhaa osoo jiranii obbo Abdii Illee yakkamaan hiikamuun nama gaddisiisa jedhe

Sanbata darbe jechuun Bitootessa 16,2014 ABO’n ibsa baaseen mootummaan Itoophiyaa ammallee qondaalota siyaasaa isaaf miseensota isaa mana hidhaatti dararuu balaaleffachuun ibsa baase.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n jaarmiyaa siyaasaa Bilisummaaf, mirga abbaa biyyummaaf, dimokiraasii fi wal qixxummaa sabaa fi sab-lammootaa mirkaneessuuf qabsaawuu dha kan jedhu ibsi bahe kun Erga dhaabni kun ifatti qabsoo karaa nagaa murteessee galee as akkasumas biyyaa fi ummata isaa keessatti nagaan sossohee akeeka qabsaawuuf galiin hin geenyeef danqaa fi danqaraa kan itti tahe qaama aangoo afaan qawween dhuunfatee jiruu dha jedhe. Shira dhaabbataa jaarmiyaa kana irratti hojjataniin, waajjiroota isaa cufuutii irraa qabee miseensota godaatii qabee hanga hooggana mataatti kan sochii dhorkee fi hidhe PP dha kan jedhu ABO’n maqaa jijjirachuu malee ilaalcha haaraa kan rakkoo jiruuf furmaata dhugaa fidu hin qabu jechuun bulchiinsa PP qeeqe.

Ejjannoo siyaasa isaaniitiif jecha, hogganootni, qondaalotnii fi miseensotni ABO, akkasumas deggartoonnii fi mararfattoonni qabsoo bilisummaa Oromoo yakka qabaatanii osoo hin taane, sababa Oromoo tahan qofaaf Oromummaa isaaniin yakkamanii ganna lamaa hanga ja’aa keessa kan jiran manneen hidhaa mul’ataa fi dhoksaan Oromiyaa keessatti dararamaa jiru jedhee jira.

Biltsiginnaan duula ifaa Adda Bilisummaa Oromoo irratti gaggeesaniin, ABO jilbeenfachiisanii qabsoo Oromoo laamshessuuf yaadanii hoogganoota ABO jumlaan mana hidhaatti darbachuun beelaa fi dhibeen akka hiraarfaman godhan kan jedhe ibsichi; Waajjiroota dhaabaa cufsiisanii hooggana mataa dhaabaa osoo hin hafin waajjira keessaa humnaan baasanii hidhaa dhaabbii hanga manatti hidhuu, Miseensota dhaabaa bakkayyuu adamsuun mana hidhaatti darbatanii achii baasuun ajjeesanii bineensa nyaachisaniiru. Hundaan olitti ammoo ABO madda galii godhachuun maqaa mirga wabii jedhuun kan badii malee hidhan hoogganootaa fi qondaalota amma mana hidhaa jiran maallaqa guddaa irraa nyaachuun maallaqas dhorkatanii jaallan keenyas mana hidhaatti hiraarsaa jiru jechuun himate.

Warri akka Obbo Abdii Illeey bulchiinsa mootummaa naannoo Somaalee duraanii, yakkamaan seeraa fi seenaa Ummata Oromoo daangaa naannoo Somaalee jiraatan miliyoonotaan qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa buqqaasee fi dhiiga ilmaan hiyyeessaa lolaasaa turee fi Meejar Jeneraal Kinfee Daanyaachoo qabeenyaa biyyattii daaressuun dantaa dhuunfaaf oolche gaafa bilisaan gadi dhiifamuu isaanii dhageenyu, Biltsiginnaan dantaa ummataa fi biyyaaf dhaabbate osoo hin taane, dantaa paartii qeenxee tarkaanfachiisuu isaa nuuf mirkaneesse jennee amanna jedha ibsi ABO.

Kanaafi kan “Abdii Raggaasaa yakka malee mana hidhaatti hiraarsuun, Abdii Illeey (Abdii Muhaammad Umar) Yakkamaa mana hidhaatii baasuun Biltsiginnaa ifatti jibbiinsa Itoophiyaan Oromoof qabdu agarsiisuu dha.” jechuun ibsa baase kanaan hubachiisee jira.

Leave a Reply