Kaaba Oromiyaa Wallootti lola Faannoon banameen kaleessallee namooti ajjeefamuu himame.

Ilma namaa waan Oromoo ta’e qofaaf itti dhukaasee ajjeesuu irratti kan argamu Faannoon Kaaba Oromiyaa Wallootti ilmaan Oromoo hedduu ajjeesuu himame.

Lolli Faannoon banee jiru meeshaa waraanaa guddaan kan deggarame ta’uurraa kan ka’e uummati of irraa qolachuuf rakkataa akka jiru maddeen himu.

Lola finxaaleeyiin Amaara Qote bolaa Oromoo walloo irrati gageessaa ture Aanaa Harxummaa fursee irratti guyya kaleessa qofa Namoota hedduun ajjeefamaniiru. Lolli kun bakka Jaarraa iddoo caaccoo jadhamtuuf Diidoo caffee biluu kan jedhamu keessatti akkasuma bakka Caffee raandooyya jedhamutti kaleessa gaggeefamaa turuu gabaafame.

Lola kaleessaan Kanneen ajjeefaman keessaa maqaan: Aliyyi Aadam Massitoo- Caffaa Garboota, Aadam Umar Abbagaar kan jedhaman yoo ta’u kanneen mada’an: Coqorsoo irraa Ahmad Adam yasufaa, Siraaj Adam Darsee, akkasuma Hassan rikkaash -koome irraa, Muhammad Aliyyi Ahmaduu- Qori Murri irraa, kan jedhaman ta’uu barame.

Wareegama baafame keessaa shamarris kan jirtu ta’uu gabaasni argame ifoomseera. Hawwaasni Oromoo Walloo tumsa kan barbaadu ta’uu gabaasaaleen bahan hubachiisaniiru.

Leave a Reply