Somaaliyaa keessatti intalli Oromoo tokko ajjeefamuun gabaafame.

Erga dubbiin ulaa galaanaa eegalee as hawwaasni Oromoo Somaaliyaa fi Somaalilaand keessa jiraataan dararaa guddaa keessummeessaa jiru. Inumaa gabaasa kaleessa galgala baheen ammoo intalli Oromoo tokko ajjeefamuu himame.

Bashir Hashii Yusuuf namni jedhamu fuula miidiyaa hawwaasaa karaa X barreeffama katabeen, galgala kaleessaa namni Maraate tokko intala Oromoo Somaaliyaa naannoo Waraardadee jedhamu keessatti ajjeese jedha.

Akka barreeffama Bashir irraa ibsamutti reeffi intala kanaa gara hospitaalaatti geeffameera. Hawwaasni Oromoo siyaasaa Itoophiyaa keessatti miidhaan irra gahuun ammallee hammaachuu isaa gabaasichi ibsa.

Uummatni Oromoo biyya Somaalilaand keessa jiraatan dhimma gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaan kaafteen wal qabatee rakkoo hammaataaf saaxilamaa jiran. Hawwaasni Oromoo kunneen sababa Abiyyi Ahemad Oromoo ta’e qofaaf uummata Oromoo lafa keenya fudhataa jira maqaa jedhuun dhiibbaan uummata Somaalilaand’n irra gahaa jira.

Paartileen mormituu Somaalilaand hawwaasa Oromoo uummata kuma dhibba shan ta’an kan biyyattii keessa jiran buqqaasuun akka barbaachisu gaafataa jiru. Rakkoo akka qoosaatti eegale kun balaa guddaa hordofsiisuuf akka deemu himamaa jira.

Oromoon biyya keessattis alattis gidiraa arguun daranuu itti fufuunsaa madda yaaddoo hawwaasaa ta’ee jira. Lammiileen Somaaliyaa dararaa ulfaataa xiyyeeffachuun sabummaan Oromoo irraan geessisaa jiru jedha gabaasni arganne.

Mootummaan Itoophiyaa nageenya lammiilee isaatii osoo hin tiksin, maal na dhibdeedhaan gaaffii balaaf hamaa akkanaa dhiyeessuun akkaan nama yaaddessa. Haala amma adeemaa jiru kanaan jireenya hawwaasa baqataa Oromoo Somaalilaand balaa kessa seeneera.

Leave a Reply