Liibaan Cuqqaalaatti Maanguddoo Oromoo beekamaa ta’an Siidaa Taliilaa waraana mootummaan ajjaafaman

Bara bulchiinsa hogganummaa TPLF keessaa qabanii sirna mootummaa Itoophiyaa jalatti hacuuccaan, dararaa fi hidhaan irra gahaa kan ture maanguddoon biyyaa obbo Siidaa Taliilaa ajjeefamuutu himame.

Maanguddoon kun Godina Shawaa Bahaa Aanaa Liiban Cuqqaala Ganda Dagla Galaa Jiddaa jiraatu. Obbo Siidaa Taliilaa Manguddoo qonnaan bulaa umurii 82 yoo ta’an, dabni adda addaa tika mootummaan irratti dalagamaa tureera.

Maanguddoon kun baroota Wayyaanee keessas dargaggoota saaxili jennaan waan dideef humnoonni TPLF hidhaan dararaa turan. Jaarsi kun Bara wayyaanee warra adda dureen fincila diddaa gabrummaa ummata wajjin taasisaa turan keessaa nama tokko yoo ta’an bara 2009 Lola Liiban Adulaalatti gaggeeffameen kilaashii isaaniin Agaazii namooga walirra naqan turan. Kanarraa ka’uun yerosuma mootummaan wayyaanee hidhuun hidhaa Waggaa 18 itti murtaassee erga waggaa 1 fi walakkaa hidhamanii yeroo jijjirama gadhiifaman.

Erga hidhaa bahaniis qabsoon Bilisummaa daandiirraa maquu hubachuun qabsoo Oromoo tumsuuf jabeessuurraa duubatti osoo hin jedhin hanga gaafa lubbuun darbaniitti waan hawwaasa isaaniif ta’u gumaachaa nama turan ta’uutu himama.

Bulchiinsi mootummaa pp ilmi keessan bosona jira jechuun bara 2022 keessa hidhamuu isaaniitu himama. Bulchiinsa PP kana keessattis akka malee reebichaan dararaa argaa turuu kan himamu maanguddoon kun baatii 7 dararaa arganii akka hiikaman eerama.

Erga hidhaa bahaniis deebifamanii ammas haadha ilmaa isaanii fi ilma isaa Gammachuu jedhamu wajjin hidhaatti deebifamuu kan himame, Odoo isaan hidhaa jiranii Mana sadi ibiddaan bulchiinsi PP jalaa guban jedhame.

Inumaa amma ammoo jechuun tibbana bitootessa 28/2024 waaree booda waraanni mootummaa sababa tokko malee erga qe’ee qabanii deemanii booda Rasaasa itti roobsanii ajjeesuun reeffaa karaa irratti gatuu gabaafame.

Maatiif hawwaasa isaan jaallatan maraaf jajjabina hawwina!

Leave a Reply