Faannoon haleellaa Oromoo irratti gaggeessu hammeessuun Salaalee Aanaa Dharraa gandoota 6 ta’an keessaa uummata buqqisuun barame.

Akeeka Oromoo lafarraa balleessuu jedhuun sochii waraanaa gaggeessaa kan jiran humnoonni Faannoo Salaalee aanaa Dharraa keessatti gandoota ja’a keessaa Oromoo buqqaasuun qabeenyaas saamaa akka jiran maddeen odeeffannoo himan.

Aanichatti walitti fufinsaan waggootaaf haleellaa Faannoon taasisaa turaniin miidhamni addaa addaa qaqqabeera.

Guyyaa dheengaddaa Bitootessa 5, 2024 gandoota baadiyyaa 6 ta’an keessatti haleellaa bananiin uummata qe’ee irraa buqqisuun qabeenya kaan saamuuun, kaan immoo gubanii mancaasaa jiru jedhame.

Kallattii lamaan gandoota akka; Sanqallee, Iluu Goda Caffee, Garbilaalaafi Wabeensoo, Qaawwaa kanneen jedhaman keessatti haleellaa bananiin miidhaa geessisuu himan.

Manneen barnootaa baadiyyaa keessa jiran hundi cufachuun waggoota sadan darbaniif hojiin baruuf barsiisuu dhaabbatee jira jedhan.

Yeroo ammaa hojiin baruufi barsiisuu magaalaa Gundoo Masqalee fi Saalaash jedhaman malee gandoota baadiyyaa keessaa dhaabbatee jiraachuu himu.

Hawaasni irra deddeebiin rakkoowwan jiran qaamota hooggansa mootummaatti himatu illee deebii argachuun hafee maaliif himattu jedhamuun doorsifama jedhan.

Gandoota diigdama ta’an irraa manneen barnootaa hedduun erga cufamee gara waggaa sadii ta’ee jira. Sababa kanaanis barattoonni barnoota argachuu hin dandeenye.

Humnoonni finxaaleyyii kun ammallee haleellaa walitti fufaa uummataafi qabeenya irratti taasisaa jiru kan jedhu gabaasichi, haalli bakkichatti raawwataa jiru akkaan yaadchisaa ta’uun barameera.

Leave a Reply