Mariin araaraa mootummaa fi WBO gidduu adeemsifamu akka itti fufu dhaabbileen hawwaasaa gaafatan.

Miidiyaa hawwaasaa dabalatee akkasuma waltajjiin adda addaa qophaa’uun tibbana waa’een marii araaraa marsaa 3ffaa mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduu haalaan balballoomaa jira.

Peresedaantii mootummaa naannoo Oromiyaa kan ta’an Obbo Shimallis Abdiisaas tibba darbe dhimma marii araaraa marsaa 3ffaa jedhurratti yaada kennaa turan. WBO’n qalbiitti deebi’ee heera mootummaa kabajee yoo mariif taa’ee mari’achuuf qophiidha kan jedhu yaada gaggeessaa naannoo Oromiyaa kanaa ture.

Akkasuma tibbana ammoo MM Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahemad Paarlaamaa biyyattiif ibsa kenneen WBO’n meeshaa lafa kahanii yoo araaraaf dhufan simatee fudhachuuf qophii ta’uu ibsee ture.

Akkasuma dhaabbileen hawwaasaa falmiin hidhannoo mootummaa Itoophiyaa fi qaamolee hidhatan gidduutti barootaaf gaggeeffamaa ture dhaabbatee rakkoon siyaasaa biyyattii karaa nagaatiin mariidhaan akka furamu Dhaabbileen Siiviilii Dubartootaa ibsa waloo kaleessa baasaniin gaafatan.

Dhaabbileen Siiviilii Dubartootaa lakkoofsaan 15 ta’an ibsa isaaniin, sababa walitti bu’iinsa hidhannoo humnoota mootummaa fi WBO gidduutti gaggeeffamuun uummanni biyyattii keessumaa dubartoonni miidhamaa jiraachuu eeruun, “mariin ABO-WBO waliin marsaa lamaaf gaggeeffamee waliigaltee malee xumurame yeroo gabaabaa keessatti itti deebi’amee waliigaltee fi araarri waaraa akka uumamu,” gaafataniiru.

Kana malees, marii nageenyaa mootummaan Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) waliin Piriitooriyaatti, akkasumas Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin Taanzaaniyaatti gaggeesse irratti dubartoonni kan hin hirmaanne ta’uu eeruun “mariiwwan egeree biyya kanaa murteessuu danda’an” gara fuulduraatti gaggeeffamuuf jiran keessatti hirmaannaan dubartootaa xiyyeeffannoo akka laatamuuf dhaamaniiru.

Leave a Reply