Mootummaan Itiyoophiyaa aangaa’ota isaa olaanaa bakkaa kaasuun kaaniif ammoo muudama laate.

Yeroo Itoophiyaan muddama siyaasaa, dinagdee, waraanaa fi goolama siyaasa ollaa keessa jirtutti biyyattii keessatti qondaalota olaanoo bakkaa kaasuun kaaniif muudamni kennamuun himamaa jira. Tarii sodaan Fonqolcha mootummaa keessa caasaa PP jiraachuu kan nama shakkisiisu, aangaa’otni naannoo Amaaraa irraa ta’an kanneen Federaala keessatti sadarkaa itti gaafatamummaa guddaarra jiran bakkaa kaafamuu isaaniiti.

Akka gabaasa har’a arganneetti Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa yaa’ii idilee 15ffaa har’a gaggeesseen Daayirektara Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa duraanii Tamasgeen Xirunah itti aanaa Ministira Muummee taasisuun muude.

Kana malees, Manni Marichi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti bakka bu’aa dhaabbataa Itoophiyaa kan turan Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee Ministira Dhimma Alaa taasisuun muudeera. Dabalataanis, Dr. Maqdas Dhaabaa bakka Dr. Liyaa Taaddasaatti bu’uun Ministira Fayyaa ta’uun akka tajaajilan muudama isaanii raggaaseera.

Torbee darbe keessa Obbo Dammaqaa Mokonniin bakka bu’uun Pireezidaantii Itti aanaa Paartii Badhaadhinaa ta’uun kan muudaman Obbo Tamasgeen, waraana Tigraay booda jijjiirraa damee nageenyaa MM Abiy Ahmad taasisaniin, Sadaasa 2020tti Daayirektara Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa ta’uun muudamuun isaanii ni yaadatama.

Obbo Tamasgeen bulchiinsa MM Abiy Ahimad keessatti namoota adda durummaan maqaan isaanii ka’u keessa tokko yoo ta’an, Hagayya 2023 irraa eegalee ammoo itti gaafatamummaa dabalataan komaandii poostii labsii yeroo muddamaa naannoo Amaaraa to’atu hoogganaa turaniiru.

Baatii Waxabajjii 2019 keessatti ajjeechaa prezidaantii naannoo Amaaraa duraanii Ambaachoo Mokonniin dabalatee aanga’oota olaanoo naannichaa sadi irratti raawwatame hordofee Pireezidaantii naannichaa ta’uun gara aangoo sadarkaa olaanaatti kan dhufan Obbo Tamasgeen, sana duras gorsaa nageenyaa MM Abiy Ahimad ta’uun tajaajilaniiru.

Obbo Tamasgeen har’aa eegalee yeroo dheeraadhaaf Ministira Itti-aanaa biyyattii kan turan Dammaqaa Mokonniin bakka bu’uun kan tajaajilan ta’uu ibsameera. Tarii Dammaqaa Mokonniin bulchiinsa Abiyyi Ahemad’f sodaachisaa ta’eetii kan jedhu ifatti dubbatamuu baatus, namni kun waggaa lama dura dhalattoonni Amaaraa hidhachuu qabu jechuun ifatti warraaqsa yaadaa gaggeessaa turuu himama.

Kana hordofees namni Amaara ta’e kamuu akka Qawwee hidhatuuf ayyamamuun naannoo Amaaraa dabalatee Oromiyaa keessatti daguuggaan sanyii ilmaan Oromoo irratti akka raawwatuuf ulaa saaqeera. Kana malees ilma Oromoo hedduun qe’ee isaa irraa buqqa’ee rakkataa akka ta’u, hirkattummaan akka jiraatuuf nama ulaa bane ta’uu isaatu himama.

Namni kun yeroo dheeraadhaaf Mummee Ministira Itti-aanaa Itoophiyaa ta’uun kan tajaajilanii fi Sadaasa 2020 irraa eegalee itti gaafatamummaa dabalataan Ministira Dhimma Alaa biyyattii ta’uun kan tajaajilan Obbo Dammaqaa Mokonniin Amajjii 26 eegalee aangoo mootummaa fi paartii irraa gaggeeffamaniiru.

Kanaan alattis ambaasaaddar Reedwaan Huseen Daayreektara Olaanaa Tajaajila Odeeffannoofi Nageenya Biyyaalessaa ta’uun muudamuun himameera.

Akkasumas Tigist Hamiid ammoo Daayrektara Olaantuu Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo taasiisuun muuduu gabaasaan arganne ifoomseera.

Kun ta’ee garuu aangaa’ota kaan aangoorraa darbuun kaaniif dabaluudhaan rakkoon biyyattii hiika nii argataa? Gaaffii jedhuuf kun deebii ta’a hin fakkaatu. Biyyattii keessatti sadarkaan goolama siyaasaa addatti caccabiinsi paartii biyya bulchaa jiru irra gahee jiru of danda’ee itti fufuu danda’aan hiika waan argatu miti.

Leave a Reply