ABO’n qorannoo REUTERS tibbana ifoomse bu’uureffatee ibsa har’a baaseen qabiyyee koree nageenyaa irratti qorannichi ibsa dabalataafi bal’aa kenna jedhe.

Caasaan dhaabaafi koree nageenyaa jedhamu kun gara Aanaafi Gandaatti babal’atee gocha hammeenyaa lammiilee nagaa irratti hojjechuuf qindoominaan socho’u jedhe.

ABO’n ibsa baaseen gocha suukkanneessaafi fokkisaa raawwataniif itti gaafatamummaa akka fudhatan jechuun waamicha taasiseera.

Qorannoo Reuters tibbana hojiiwwan Aanga’oonni mootummaa Olaanoo maqaa Koree Nageenyaa jedhu jalatti hojjetan ilaalchisee ifa taasise ilaalchisuun ABO’n ibsa Bitootessa 11,2024 baaseen itti gaafatamummaa fudhachuu qabu jedhe.

Caasaan Koree nageenyaa kun muummicha ministeeraa irraa ka’uun hanga gandaatti diriiree jiraachuu qorannoon rooyitarsi kun mirkaneesseera jedha ABO’n.

Namoonni dhimmicha beekaniifi royitersi madda odeeffannoo taasifate koreen kun Abiyyi Ahemad’n hundeeffamuu ragaa waliin dhiyeessan.

Abbootii Gadaa Kaarayyuu, ajjeefamuu Artist Haacaaluu Hundeessaa hordofee namoota ajjeefamaniifi hidhaman koree nageenyaa kanaan raawwatamuu qorannichi ibseera jedha ibsi ABO’n baase kun.

Kana keessatti Pirezedaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaafi Hoogganaan Dhaabaa Fiqaaduu Tasammaa mormitoonni tokko tokko akka hidhamaniifi kaan immoo akka ajjeefaman ajaja dabarsuu qorannichi ifoomsuu ibsa.

ABO’n ibsa baase kanaan qorannoon Rooyitersi mala cimaa irratti kan hundaa’eefi madda amanamaa hunda bira ga’uuf kan carraaqedha jedha.

Qondaaltota federaalaafi naannoo, abbootii seeraafi miidhamtoota miidhaan aanga’ootaan irra ga’e 30 ol gaaffiifi deebii taasisuun qorannoo kana erga taasisee ifoomseera.

Kana malees, wixinee sanadoota qaamolee siyaasaafi haqaa naannootiin wixinaa’e ilaaluun sanadoonni kunneen yeroo duraaf hojii koree nageenyaa kana irratti ibsa kan kennan ta’uu ibsee jira.

Ajjeechaan seeraan alaa, hidhaan, dararaan addaa addaa Oromiyaa keessatti hanga har’aa itti fufee jiru hundaa olitti kan nama shororkeessu ta’uu ABO’n ibsa.

Gochoonni nama shororkeessan kun miidiyaaleenis ta’e dhaabbileen mirga namoomaaf falman argaa hin jiran jedha ibsi ABO kun.

Dhaabbileen mirga namoomaa yakka suukkanneessaa kanaaf gaafatamummaan akka jiraatu akka irratti hojjetaniif ABO’n waamicha taasiseera.

Akkasumas, Uummanni Oromoofi Itoophiyaa, hawaasni idil addunyaa nagaa jaallatan marti itti gaafatamummaan akka jiraatuuf dhiibbaa taasisuu akka qaban waamicha taasisee jira.

Leave a Reply