Sochii dimokiraasii babal’achuu ibsuuf ABO’n nagaan biyyatti galee sochii taasisaa jira jechuun kan MM Itoophiyaa Abiyyi Ahemad Paarlaamaa irratti dubbate ABO’n cimsee balaaleffate.

Addi Bilisummaa Oromoo haasaa muummichi ministeeraa Itoophiyaa dhimma waliigaltee Asmaraa ilaalchisuudhaan paarlaamaa irratti taasise “dhugaa haaluudha” jechuudhaan komate.

Addi Bilisummaa Oromoo ibsa Guraandhala 7/2024 mata duree “Waliin dhahuu fi dhugaa lafa jiru haaluun aadaa mootummoota Itoophiyaa itti bahii isaa lola dhuma hin qabne, beelaa fi gadadoo argaa jirrudha” jedhuun baaseen haasaa muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmed dhimma waliigaltee dhaabichaa fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti ta’e Ilaalchisuudhaan dhiyeenya paarlaamaa irratti taasise qeeqeera.

Waltahiinsa Asmaraa ABO fi Mootummaa Itoophiyaa gidduu ture kan diige mootummaa Itoophiyaa kan Dr. Abiy hogganan akka ta’e kan eere ibsi ABO kun, adeemsa yeroo waliigaltee sanaa fi taatee isa booda ta’an caqaseera. Marii waliigaltee Perezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa duraanii Lammaa Magarsaa, Dr. Warqinaa Gabayyoo fi ABO gidduutti Hagayya 2018 Asmaraatti taasifamee waliif galameen hogganni ABO gara biyyaatti akka deebi’u taasifamuun ni yaadatama.

Akka waliigaltee kanaatti hariiroon Qabsoo Bilisummaa Oromoo, ABO fi Itophiyaa gidduu ture hariiroo lolaa ta’uun akka waliif hubatame Addi Bilisummaa Oromoo ibsa isaa kana keessatti hubachiiseera. Hariiroon lolaa kun dhumatee hariiroo nagaan gaaffii siyaasaa Itoophiyaa keessatti gaggeeffachuuf irratti akka wal ta’ame. Kanaafis kan duraa humnootiin hidhatanii jiran humnoota nageenyaa mootummaa Itoophiyaa dabalatee waan tahuu qaban irratti haasa’amee akka waliif galame ibsa kana keessatti eerameera.

Humnootiin Nageenyaa mootummaa Itophiyaa partii fi garee siyaasaa kamiifuu osoo hin loogne heeraa fi seera biyyattii kabajanii hundaaf tajajiluu, Waraana ABO jalatti ijaaramee jiru Waraana Bilisummaa Oromoo ilaalchisee, Addi Bilisummaa Oromoo biyyatti yeroo galu Koree Waloo waliin ijaaruudhaan sirnaa fi seera addunyaan ittiin humnoota hidhatanii jiran sirna tokko waliin wal fudhachiisu hordofamee sirna waliin wal fudhachiisuun akka xumuramu waliif galamee akka tures ABOn ibsa isaa Kanaan yaadachiiseera.

ABO dabalatee paartileen siyaasaa biyyattii nagaan socho’anii sagantaa siyaasaa itti amanan danqaa tokko malee gaggeeffachuu irrattis akka wal tahame eeruudhaan, “Kanatti kan hidhatu ABOn 1992 dabaan dirree siyaasaa keessaa yeroo dhiibamee bahe waajjiroota biyyattii guutuu keessaa qabu kan jalaa cufaman, Waajjira Muummichaa ABO Gullallee dabalatee akka deebi’uuf, akkasumas waajjirootnii fi qabeenyi Waldaa Gargaarsa Oromoo (ORA) kan bara 1996 jalaa cufamee fi saamame akka deebi’uuf waltahame” jedha.

“Erga galamee waan tahee fi kan ABOn ganame ummatni hundi odeessa isaa guutuu qaba jennee amanna” kan jedhu ibsi kun, Waraana Bilisummaa Oromoo irratti lolootni dhaabbataan utuu hogganni ABO Asmaraa irraa hin galiin akka itti fufan ibseera. “Torban lama keessatti WBO dirree irraa qulleessinaan labsii General Berhanu Julaa fi President Lammaan labsan hundi ni yaadatama” jechuudhaan yaadachiisee, “Isa kana sirreessuu fi akka waltahiinsa keenyaatti xumuruuf yaaliin karaa dhaabaa fi Abbootii Gadaa godhame bal’aa tahus akkamitti akka fashalan hundi ni yaadata jennee amanna” jedha.

Addi Bilisummaa Oromoo sochii dhorkamuu, Waajjirootni bakkoota hedduutti banate humna waraanaa fi poolisaan cufamanii qabeenyi saamamuu, Waajjira Gullallee keessaa hooggana olaanaa dabalatee hundi humna poolisiin Finfinnee keessaa baafamanii hanga har’aa namni akka hin seenne poolisiitiin kan eegamu ta’uu ibseera.

Hoogganootni dhaabichaa fi qondaalotni siyaasaa ABO Oromiyaa guutuu keessa jiran bakka hedduutti hidhamaa turuu eeruudhaan, Dhimma kanaa fi dhugaa jiru koreen Boordii Filannoon utubame qoratee gabaasaa isaa Gumii Waloo Partiilee fi Koree Dimokraasii Paarlamaa biyyattiif galchuusaas ibsa kana keessatti hubachiiseera.

Muummichi Ministeraa Dr. Abiyi Ahmed Guraandhala 06, 2024 Paarlamaa Biyyattii irratt “ABOn hojii isaa nagaan hojjetaa jira; waltahiinsi diigame hin jiru” jedhanii kan dubbatan dhugaa haaluu akka ta’e Addi Bilisummaa Oromoo ibseera. “Hoggantoonni Asmaraa irraa galan gariin mootummaatti makamanii hojii mootummaa hojjetaa jiru” jechuudhaan kan muummichi ministeeraa dubbatanii fi ABOn deebii kenneen, “Namoota dhaabicha keessaa of baasan yoo ta’e malee, hoogganootni ABO mootummaa PP waliin aangoo qooddatanii hojiitti jiranis hin jiran” jechuudhaan ibse.

“Itti bahi waliin dha’insa siyaasaa mootummoota Itoophiyaa, lola, deega, beela, buqqa’iinsaa fi kan dhumaatii tahuu seenaa biyyattii fi hoogganoota mootummaa biyyattiitu ibsa” kan jedhu Addi Bilisummaa Oromoo, “Ammas kunumti itti fufuun ammoo gadda gadda caalu dhaloota ammaa mudateedha” jedhe.

Leave a Reply