Warshaa keessaa hojjetee of jiraachisuuf tattaafataa osoo jiru ilma Oromoo tokko Maashiniin daakee lubbuu baasuun gumaan isaa gaafatamuu dhabuu himame.

Dhiibbaa dinagdee fi rakkoo hojii dhabdummaa isaan mudatu irraa jireenya isaanii foyyeeffatanii jiraachuuf jecha ilmaan Oromoo bakkeewwan adda addaatti lubbuun isaanii gatii tokko malee ba’uu irratti argama.

Barnoota muummee Giyooloojii barachuun mooraa yuuniversiitii Wallaggaa irraa kan ba’e dargaggoo Karrasaa Nigaatuu kan jedhamu dhalataa godina Wallaggaa Lixaa aanaa Gullisoo kan ta’e bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii kutaa magaalaa Furii bakka Nook jedhamutti warshaa karameellaa oomishu keessaa osoo hojjetuu maashiniin lubbuunsaa darbe.

Taateen nama kana mudate gaddisiisa ta’uu kan ibse gabaasaan arganne, nama kanaan Over time siif kaffala jedhe abbaan qabeenya hojii galgalaa galchee balaan kun quunnamuu eerameera.

Lubbuun nama kanaa torbee 2 dura kan bahe yoo ta’u, dhaabbatichi haadha warraa nama ajjeefamee kanaa ofitti waamuun beenyaa sii kaffalla jedhanii gowwomsuu himame. Ta’us hanga ammaa waan irra gahame kan hin jirre yoo ta’u, daa’ima isaa dabalatee haati warraa isaa rakkinaaf saaxilamuu isaanii gabaafamee jira.

Kanaanis Haadhi warraa Karrasaas Ilfee Dabalaa kan jedhamtu yeroo ammaa daa’ima xiqqoo waliin mana kiraa keessatti rakkoof saaxilamtee akka jirtu maddeen dubbatu.

Rakkoowwan dinagdee addatti xaxaa siyaasaa biyya kana keessa jiruun dargaggoonni Oromoo karaa hedduu miidhamaaf saaxilamaa jiraachuu gabaasichi hubachiisa.

Leave a Reply