WBO’n Zoonii giddu galaa miseensota haaraa leenjiisaa ture eebbisiisuu beeksise.

Waraanni Bilisummaa Oromoo miseensota leenjisuu jabeessuun tibbana miseensota haaraa waraanaaf siyaasaan gahumsa qaban eebbisiisuu karaa marsariitii isaa beeksisee jira.

Gabaasichi akka eeretti miseensota haaraa waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddugaleessaatti leenjiirra turan milkaa’inaan xumuruun dheengadda Sanbata darbe eebbisiisuu isaa ibseera.

Leenjifamtoonni haaraa kunneen kan kutannoo, gahumsaa fi cichoomina qaban WBO’n ittiin beekamu horatan ta’uus gabaasichi hubachiisee jira.

Sirni eebba miseensota haaraa kunis bakka qondaalonni waraanaa olaanaan argamanitti kan gaggeeffame yoo ta’u, haasaawaan egeree qabsoo bilisummaa Oromoof barbaachisan irratti dhageessifamuu himame.

Kana malees eebba miseensota WBO haaraa kanarraa hawwaasni qooda fudhachuu kan eerame yoo ta’u; kunis walitti dhufeenya WBO fi uummataa hangam jabaa akka ta’e kan ragaa bahu ta’uusaati kan gabaasame.

Uummata keenya gadadoo keessaa baafna jennee qawwee kaafne kan jedhu qondaalli WBO bakkichatti argame Naamusaa fi sansakkaa WBO’n qabaataa ture san qabattanii galma gahiinsaaf qabsaa’uu qabdu ergaa jedhu dabarsee jira.

Eebbifamtoonni kunneen leenjii bal’aa fudhachuun, ogummaa fi beekumsaan qormaata fuuldura isaanii jiru iniifachuuf kutannoon warraaquuf of kennuu isaanii mul’isaniiru.

Yeroo ammaa kanatti sochiin waraana Bilisummaa Oromoo biyya Oromiyaa keessaa dhagaa’amu akkaan dabalaa kan dhufe yoo ta’u, guyyaarraa gara guyyaatti leenjisee bobbaasuu itti fufeera.

Mootummaa Itoophiyaa waliin lola bal’aa Oromiyaa keessatti waggoota shanii oliif gaggeessaa kan jiru WBO’n lolaa wal leenjisuu irraa duubatti jedhee hin jiru. Inumaa sochiin WBO waggoottan shanii asii seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti isa hangafaa ta’uu bira taree humna qabuun lola gaggeessaa jiruun sagalee Oromoo dirqamtee addunyaan akka dhageessu taasiseera. Kana malees gaanfa Afrikaatti ajandaa jabaa Ameerikaaf michoonni ishee qabatanii socho’an taasisee jira.

Leave a Reply