MM Abiy Ahmad marii bakka bu’oota waliin taasise irratti mootummaan gara nagaatti akka dhufu hirmaattonni gaafatan.

Tibbana bakka bu’oota uummataa jechuun MM Itoophiyaa Abiyyi Ahemad fi Peresedaantiin Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa maanguddoota Oromiyaa keessaa waliin marii gaggeessaa ture. Marii kana irratti gaaffiin adda addaa gaafatamaa tureera.

Yaadni hedduun ka’aa kan ture yoo ta’u mm Abiy maanguddota Oromiyaa keessaan duuchaatti walumatti qabdanii nagaa buusaa jechuu qofa osoo hin taane abbaa balleessaa qabu ifatti itti himaa yaada jedhu kaasanii turan.

Hawwaasni deebii yaada kanaaf ta’a jedhuun nuti araarsitoota keessan hanga taanetti eenyuuf osoo hin loogiin gartummaa osoo hin qabaatin gara nagaatti akka dhuftan dhiibbaa uumuu qofa gochuu dandeenya jechuun deebisan.

Akkasuma Ministirri mummee Itoophiyaa Abiy Ahmad fi Pirizidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa marii bakka bu’oota hawaasaa wajjiin taasisaniin “nageenya barbaannaa” jedhan. Ammoo ulaa nageenya itti buusan ifatti waan agarsiisan hin qaban. Akkuma kanaan dura dubbataa turanitti nagaa nii barbaanna, nagaan galanii filannoo irratti haa hirmaataniin yaada MM Itoophiyaa ture.

Marii qaamolee hawaasaa waliin taasifame kana irratti dhimmi nageenyaa bal’innaan ka’ee jira. Mootummaan Abiy Ahmad waggoota shanan darban biyyatti waraana waliinii keessa galche jedhamuun komatama.

Qeeyxonni bulchiinsa mootummaa Biltsiginnaa qeeqan, mootummaan aangoo isaa tiksuu fi sirna federaaliziimii Itoophiyaa keessa jiru dadhabsiisuun gara sirna qeenxee biyya ceesisuuf waraana bane jechuun dubbatu. Mootummaan kana hin fudhatu. Gama isaan Mootummaan Biltsiginnaa ammoo nageenyaa fi tokkummaa Itoophiyaa tiksuuf dirqamnee waraana keessa seenne jechuun mana maree bakka bu’oota ummataa dabalatee waltajjiilee diiploomaatoonni argaman hundatti ibsaa ture.

Waraanni biyyatti keessatti adeemsifamaa jiru kufaatii siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa, dippiloomaasii, cabiinsa mirga namoomaa, dhumaatii lammiilee nagayaa, Qaala’insa jireenyaa, buqqa’iinsa biyya keessaa fi barbadaa’uu bu’uuraalee tajaajila hawaasummaa hordofsiisee jira jedhamuun himama.

Gaaga’ama kallatti hundaan biyyatti muudate kana muummichi ministeeraa Itoophiyaa Abiyyi Ahmad “biyyatti ceehumsa diimookraasii irra waan jirtuuf rakkooleen kun muudatan” jechuun teessuma paarlaamaa biyyatti gurraandhala 6 bara 2024 adeemsifame dabalatee waltajjiiwwan garagaraa irratti dubbataa ture.

Erga waraanni Adda Bilisummaa Uummata Tigraay fi Mootummaa Itoophiyaa jidduu ture waliigaltee Piritooriyaatiin xumuramee booda, lolli naannoo guddicha biyyatti keessatti adeemsifamaa jiru karaa nagayaatiin akka xumuramuuf mariin marsaa lamaan Taanzaaniyaatti taa’amee ture.

Marii jalqabaatiin wal hubannoo irra gahamus marii 2ffaatiin garuu walii galuu hin dandeenye. Tibbana ammoo marii marsaa 3ffaan akka ta’amu karaa mootummaa wantoonni dubbatamaa jiran akkasuma Ameerikaan marii kana dursummaan haala mijeessuuf qophii akka qabdu himaa jirti. Ibsa Ameerikaa dura yaada kenneen gorsaa Olaanaa Ajajaa WBO Jireenyaa Guddataa waan Marii marsaa 3ffaa jedhu qaamni isaan dubbise akka hin jirre miidiyaaleef himaniiru.

Tibbana walgahii bakka buutonni hawaasaa godinaalee Oromiyaa garagaraa irraa walitti babahan muummicha ministeeraa Abiy Ahmad fi Pirizidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa waliin taasisaanii dhimma nageenyaa Oromiyaa irratti yaaddoo qaban irra deddeebiin kaasanii jiru.

Dubartiin Godina Shawaa bahaa Aanaa Boosat irraa waltajjii kana irratti hirmaatte haleellaa humnoonni Finxaaleyyii Amaaraa Aanaa Minjaar Shankooraa irraa Aanaa Boosat fi Fantaallee irratti raawwataa jiran ibsitee jirti.

Akka dubartiin tun jettutti haleellaa humni finxaalessi Faannoo raawwatuun ganda Borcataa jedhamu irraa ummanni danuun buqqa’uun aanaa biraa keessa qubatee jira.

“Yeroo ilmi Oromoo nu bulchaa jiru keessatti ummanni Oromoo Aanaa Fantaallee fi Boosat keessatti humnoota Finxaaleyyii Amaaraatiin ajjeefamaa jira” jette.

Hirmaatan biraa dhimma marii araaraa irratti yaada kenneen, Oromoon hanga gahu akka hin geenye kan taasise wal waraansa bakkoota garagaraatti deemuudha jechuun qaamonni wal waraanaa jiran rakkoo isaanii marii araaraatiin akka xumurataniif waamicha taasisan.

“Nagaan qaaweedhaan osoo hin taanee nagaa mariidhaan nuuf fidaa” jechuun mootummaa biyya bulchaa jiruu fi kan qabsoo hidhannoo irra jiruufis waamicha taasisan.

Muummichi ministeeraa “nuti nageenya hin dinnee” jechuun dubbate.

Ammas biyyatti keessatti nagaa buusuuf qaamota hidhatanii socha’an koottaa galaa karaa nagayaatiin qabsaa’aa jennee kadhaachaa jirra jedhe.

ABO-WBO yeroo garagaraatti ibsaa laataa tureen marii haqa qabeessaa fi gaafii ummata Oromoo deebisuu danda’u adeemsisuuf qophiidha jechuun ibsaa turee jira.

Leave a Reply