Jaarsoo Dhugoon Abbaa Gadaa #Gujii 75ffaa ta’an

Tibbana jila gaggeeffataa kan jiru Gujiin abbaa Gadaa haaraa filachuun barame. Me’ee Bokkootti lallabarra kan ture sirni dabarsa baallii Oromoo Gujii 75ffaan har’a Gadaa Harmuufaa irraa gara Gadaa Roobaleetti darbeera.

Haaluma kanaan waggoota saddeet darbaniif Abbaa Gadaa Gujii kan turan Jiloo Mandhoon baallii isaanii Abbaa Gadaa Jaarsoo Dhugootti dabarsaniiru.

Guyyoota muraasa darbaniif abbootiin Gadaa Ardaa jilaa Me’ee Bokkootti seera Lallaba Nageenyaa fi Araaraa, Aadaa, Yuubaa fi Hayyuu, Sodaa, Fuudhaa fi Heerumaa, Lafaa, Lagaa, Malkaa fi Karaa, Mukaa, uffataa fi qaama namaa, Buusaa fi Wodoo, Dhukkubaa fi Balaa lallabaa turaniiru.

Sirni gadaa gaggeeffamaa ture hawwataaf Miidhagaa kan ture yoo ta’u, hawwaasni hedduun jila san irratti argamuu danda’eera.

Leave a Reply