Mootummaan Itoophiyaa Afaan Amaaraa afaan hojii Gamtaa Afrikaa akka ta’u gaafate.

Dhimmi eenyummaa gaaffiin afaanii haalaan hawwaasa biraa dhagaa’amaa kan tureef jiru Itoophiyaan gaaffilee hawwaasaa osoo hin deebisin afaan Amaaraa gara afaan Gamtaa Afrikaatti guddisuuf tattaaffii taasisaa akka jiran himame.

Keessattuu dhimmi afaan Oromoo waggoota dheeraaf gaafatamaa kan as gahe, bulchiinsi Abiyyi Ahemad afaaniin akka waan afaan Oromoo afaan Federaala biyyattii taasisutti dubbataa turus milkaa’ina agarsiise hin qabu. Teessuma bulchiinsaa wayiita qabatetti dhaadannoo Afaan Oromoo afaan Federaalaa taasisuu jedhuun aangootti haa dhufu malee inumaa kallattii afaan kun ittiin duuba deebi’a jedhee yaadu mara hojjechuurraa duuba jechaa hin jiru.

Kun ta’ee faallaa isaa afaan Amaaraa guddisuuf, aadaaf seenaa uummati Oromoo dhaga’uuf arguu hin feene ol kaasee lallabuu dabalatee hojiiwwan bulchiinsa PP ammaan dalagamaa jiran akkaan uummata dallansiisuu irratti argama.

Gabaasa arganneen Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsqa Sillaasee afaan Amaaraa afaan hojii Gamtaa Afrikaa akka taasifamu gaafate jedhame.

Taayyeen gaafficha kan dhiyeessan marii Gamtaa Afrikaa 44ffaa magaala Finfinneetti gaggeeffamaa jirurrattii haasaa baniinsa yeroo taasisaniitti guyyaa Kaleessaa ture.

Chaartarri Gamtaa Afrikaa inni jalqabaa afaan Amaaraa dabalatee afaanota afuriin mallatteeffamuu eeruun afaan Amaaraa afaan hojii akka taasifamu gaafatachuu miidiyaan mootummaa gabaaseera.

Yeroo ammaatti gamtaan Afrikaa afaanota hojii jahaa ol kan qabu yoo ta’u afaan Amaaraa akka afaan dabalataa gamtichaa akka ta’u gaafatameera jedhame.

Haalli kun garuu hawwaasa keenya Oromoo gaaffii afaanii jaarraa hedduuf gaafataa jiru akkaan dhukkubsuu hin oolu. Inumaa waa’ee guddina Afaan Oromoo dubbachuuf daandii afaan Oromoo guddatu irra deemuun faallaa kan ta’e biyyattii keessatti tooftaan sirnichi itti deemaa jiru komii guddaa kaasaa jira. Manneen barnootaa magaalaa Finfinnee keessaa akkasuma bakkeewwaan hedduutti uggurri afaan Oromoo irra gahaa tureef jiru uummata Oromoof madaa biraa ta’eera.

Leave a Reply