Ajajaa olaanaan ABO-WBO Jaal Marroon gara Oromiyaatti deebi’anii galuun barame.

Lola Oromiyaa keessatti waggoota dheeraaf WBO fi mootummaa gidduutti adeemaa jiruutti xumura taasisuuf Taanzaniitti mariin marsaa lamaan adeemsifamaa ture.

Marii marsaa jalqabaa adeemsifameen wal hubannoo gaariin goolabuu qaamolee lamaan ibsaa turan. Ergasiis gara marii marsaa 2ffaa irratti hogganni WBO akka argamu akkasuma qaamni 3ffaa akka gidduu seenu walii galamuudhaan Taanzaaniyaatti ajajaa olaanaan ABO-WBO Jaal Marroof hogganni WBO Zoonii kibbaa imalan.

Marii sanaan walii galteen erga dhibeen booda hogganni kun baatilee murtaa’eef Oromiyaa ala turuu isaanii gabaafamaa tureera. Miidiyaaleen akka gabaasanitti tibbana hogganni kun biyyatti nagaan deebi’uu isaa gabaafameera.

Mootummaan waliigaltee qaamolee addunyaa waliin taasise cabsuun warri Marroo fa’aa Oromiyaatii fuudhee Taanzaaniyaa geesse akka deebisee hin galchine dhorkee akka ture ABO-WBOn himee jira.

Marii araaraa Taanzaaniyaa Magaalaa Daar Es-Salaam keessatti adeemsifamaa ture irratti hirmaachuuf bosona Oromiyaa lixaa irraa giddu lixiinsa Ameerikaa, Norway fi qaamota kaaniitiin Xayyaara Fannoo Diimaatiin gara Taanzaaniyaa kan imale Marroo Dirribaa tibbana gara biyyaa deebi’uu gorsaa olaanaa ABO-WBO Jireenyaa Guddataa BBC tti himaniiru.

Mootummaan qaamoleen fuudhanii baasan akka hin deebifne danquu isaatiin karaa ofii keenyaa hooggantoota WBO gara Oromiyaatti deebifne jedhan.

Marii araaraa ABO-WBO fi Mootummaa Itoophiyaa jiddutti adeemsifamaa ture irratti, Waraanni Bilisummaa Oromoo gaaffii “sirna hundaaf ta’u ijaaruu” jedhu gaafatee akka ture ibsan.

Mootummaan ammoo hooggantoota ABO-WBO tiif dhuunfaan aangoo dhiyeessuu hordofee walii galteen dhabamuun mariichi gafachuu obbo Jireenyaa Guddataa himani jiru.

Marii san dursee dhiitee kan bahe bakka bu’oota mootummaa Itoophiyaa ta’uu ibsanii jiru. Mootummaan gama isaatiin gufachuu marii marsaa 2ffaaf WBO himatee ture.

Leave a Reply