Waraanni Mootummaa Itoophiyaa kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti ajjeechaa raawwachuu itti fufan.

Abbootii amantaa dabalatee maanguddootaaf daa’imman nagaan Oromiyaa keessatti loltoota mootummaan ajjeefamuu gabaasni agarsiisu ammallee bahaa jira. Haalli waraanaa naannoo Oromiyaa keessatti adeemaa jiru sarbama mirgaa akkaan hammaataa geessisaa jiraachuu gabaasaaleen bahan kun mirkaneessaniiru.

Gabaasa argameen aggaammiin ajjeechaa dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffate, haala nama suukanneessuun jabaatee itti fufee kan jiru yoo ta’u, loltootni PP bakka argan cufatti ilmaan Oromoo akka bineensa bosonaatti adamsuun sababaa fi yakka tokko malee rasaasaan ajjeesaa jiru.

Haala kanaan lixa Oromiyaa baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu ganda Sagiroo jedhamu keessatti guyyaa kaleessaa Amajjii 11,2024 loltootni raayyaa ittisa impaayera itoophiyaa dargaggoo maqaan isaa Ijjiguu Asaffaa jedhamu balleessaa tokko malee ajjeesanii gatan jechuun maddeen dubbataniiru.

Dargaggeessi kun nama siyaasa kam irraayyuu bilisa ta’ee fi doqdoqqee hoofuudhaan ofiif maatii isaa jiraachisuu akkasumas nama hawaasa isaa keessatti jaallatamummaa guddaa qabuudha kan jedhan maddeen, ajjeechaa raawwate kana balaaleffataniiru.

Gabaasuma wal fakkaatuun godina Arsii Keessatti geggeesitoota manneen amantaa ajjeesuun hammaataa jiraachuu gabaasaaleen arganne ifoomsaniiru.

Akka gabaasichaatti abbaan amantaa tokko tibbana jechuun Amajjii 8,2024 Arsii bahaa aanaa Sirkaa ganda Soolee Digaluu jedhamu Keessatti geggeessaan masjiidaa Sheek Muhammannuur Tunaa jedhamu osoo dhimmaaf daandii imalaa jiranii waraanaan ajjeefaman jedhame. Waraanni nama kana ajjeeses loltoota mootummaa ta’uu gabaasichi caqase.

Taateen ajjeechaa armaan duras aanaa Sirkaa keessatti raawwatamaa turuun isaa kan yaadatamu yoo ta’u, gandoota 37 aanaan Sirnaa qabu Keessatti amantoota walitti buusuuf yaaluu fi geggeesitootni amantaa danuun waraana bilxiginnaan ajjeefamaa akka turanii fi yeroo ammaas haalichi akka itti fufee jiru gabaafameera.

Dabalataan Wallaggaa Lixaa magaalaa Begii keessatti manguddoon tokko hidhattoota mootummaan ajjeefamuun qabeenyi namoota hedduus saamamuu odeessi argame ifoomseera.

Odeessi bahe akka mirkaneessutti Wallaggaa Lixaa aanaa Begii magaalaa Begii keessatti guyyaa kaleessaa jechuun Amajjii 11,2024 abbaa maatii torbaa kan ta’e manguddoo maqaan isaa Shee Abdurkariim Fufaa Keedii jedhamu balleessaa tokko malee rasaasaan ajjeefamuun eerameera.

Manguddoon kun nama hojii daldalaa irratti bobba’ee jiraatu, maallaqa achirraa argatuun maatii isaa jiraachisu yoo ta’u hidhattootni mootummaa badii malee ajjeesuu himameera.

Ajjeechaa nama kanaa alattis guyyuma kaleessaa kana aanuma Begii ganda Xiilloo jedhamu keessaa Obbo Hayilee Dhaabaa jedhamu jalaa sangoota shan jalaa fudhachuun qalatanii akka nyaatantuu dubbatama.

Aanicha keessatti ajjeechaa fi saamichi daangaa hin qabnee guyyaa guyyaan raawwatamaa akka jiru jiraattotni dubbachuun sirnichi ilmaan Oromoo hiyyummaa fi ajjeechaan lafa irraa duguuguuf akka itti jiru himame.

Qabata miseensa WBO jedhuuf deggartoota waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun aarsaa lubbuuf qabeenya ofii saamamuun hawwaasa nagaarra gahaa jiraachuu gabaasaaleen argannu mirkaneessaniiru.

Leave a Reply