Uggura sochiif geejibaa adeemsifamaa jiru bu’uura godhachuun magaalaa Naqamtee irraa quunnamtiin interneetaa cite.

Tajaajilli Internet magaalaa Naqamtee irraa citee jiraachuun himame. Kunis lagannaa gabaa adeemsifamaa jiru sababeeffachuun akka ta’e eerame.

Lagannaan gabaa kan dheengaddaaf kaleessaa caalaa har’a keessatti adeemaa kan jiru magaalaa Naqamtee keessatti tajaajilli Internet halkan edaarraa qabee citeera.

Kanaanis quunnamtiin hawwaasaa addaan cituu isaa himameera. Lixa Oromiyaa baadiyyaan guutummaatti Internet erga irraa citee waggoota hedduu lakkoofsiseera. Kanaan dura magaalota akka Naqamtee qofaan ala, bakkeewwan kaan keessaa Internet cituun bubbuleera.

Mootummaan Itoophiyaa maqaa Shanee irraa Inteerneetii uggurra jedhuun hawwaasa baadiyyaa Lixa Oromiyaa fi Shawaa Lixaa dabalatee bakkeewwan hedduutti quunnamtii hawwaasaa uggureera. Kanarratti dabalataan magaalotuma duraan Internet keessa ture kanneen akka Naqamtee keessaas halkan edaa kutuu maddeen odeeffannoo mirkaneessaniiru.

Leave a Reply