Godina Harargee lixaa aanaa Ciroo keessatti jaarsi biyyaa tokko waraana PPn mana hidhaa keessatti ajjeefamu akkasuma kutaalee Oromiyaa kaan keessaattis ajjeechaan raawwatuu himame

Lola WBO fi mootummaa gidduutti adeemaa jiru sababa taasifachuun caasaaleen mootummaa fi humnoonni waraanaa mootummaa yakka tokkoon alatti maqaa miseensota WBO fi deggara jedhuun namoota jumulaan qabanii hidhuufi ajjeesuu hammeessanii jiran.

Haaluma kanaan kan wal qabatuun maanguddoon tokko Amajjii 7,2024 lixa Harargee aanaa Ciroo ganda Luugoo Baceysa jedhamu keessaa waraana faashistii PPn qabamee turtii guyyaa lamaan booda Amajjii 9,2024 reebicha isa irra ga’een lubbuun akka darbetu dubbatama

Jaarsi biyyaa waraana mootummaan qabamee ajjeefamee kunis maqaan isaa Amiin Ibroo kan jedhamu yoo ta’u,abbaa ilmaan sagalii akka ta’e odeessi jiraattota irraa arganne kan addeessu,obbo Amiin erga ajjeesaniin booda maatiif bilbiluun reeffa kan kennaniif kaadirootni PP,reeffa maanguddoo ajjeefamee qorannoof maatiin gara hospitaalaa geessuuf yeroo jedhaniitti maatii gadda Keessa jiran irratti karaa waraana PP reebichi akka irra ga’e maddeen odeeffannoo himaniiru

Gabaasuma ajjeechaan wal qabatuun ajjeechaan ilmaan Oromoo irratti raawwatamu cimee itti fufuun godina Matakkal aanaa Dibaax magaalaa Qorqaa keessatti dargaggoon Oromoo tokko waraana mootummaan ajjeefamuun gabaafameera.

Akka gabaasichaatti tibbana jechuun Amajjii 11,2024 godina Matakkal aanaa Dibaax magaalaa Qorqaa jedhamu keessatti loltoonni mootummaa dargaggoo maqaan isaa Girmaa Heenok Guutaa jedhamu qabanii erga reebicha ulfaataa irratti raawwataniin booda biraa deemu himu.

Dargaggoo kunis reebicha irratti raawwatameen irraa dandamachuu dadhabuun yeroosuma fuudhanii gara mana yaalaa geessanis fayyuu waan hin dandeenyeef Amajjii 12,2024 akka lubbuun darbe eerame.

Sarbama mirga namoomaa Oromiyaa keessatti waraana mootummaaf caasaa isaan raawwatu akka dhaabbatuuf dhaabbilee mirga namoomaa Amnesty International, Human Rights Watch fi kaan cimsanii gaafataa turanis ammallee yakko raawwatu cimee itti fufuu isaa gabaasichi hubachiisa.

Leave a Reply