Qondaalli ABO obbo Battee Urgeessaa humnoota mootummaan qabamee hidhamuun gabaafame.

Qabsoo karaa nagaaf balballi banaadha kan jedhu mootummaan Itoophiyaa ammoo namoota paartilee mormituu gaggeessan adamsee hidhuu itti fufe. Hogganoota ABO hidhaa jiran nii hiika jedhamee wayiita eegamutti mootummaan kan hiike deebi’ee hidhaa jira jechuun komatamaa jira.

Haala kanaan qondaalli ABO obbo Battee Urgeessaa Kamisa dabre Achi Buuteensaanii Dhabamee Ture, Mana Hidhaa Magaalaa Finfinnee Keessa Jiraachuun Dhagaa’ame

Qondaalli ABO Battee Urgeessaa Guraandhala 22, 2024 Kamisa dabre Finfinnee kutaa magaalaa Booleetii qabamanii achi buuteen isaanii dhabamee yaaddoo keessa akka turan maatii wabeeffachuun miidiyaaleen gabaasaa jiru.

Obbo Battee Urgeessaa kan qabaman walgahii paartilee siyaasaa magaalaa Finfinnee keessa socho’an irratti hirmaatanii erga bahanii, waaree booda qabamanii dhabamsiisaman jedha odeessi ba’e.

Dhuma irratti obbo Batteen Finfinnee kutaa magaalaa Boolee mana hidhaa Garjii bakka addaa Ambassaa Garaaj jedhamu keessatti akka argaman himame.

Obbo Batteen kanaan duras yoroo dheeraaf jaallan isaanii gariin kan hiikamanii fi warra 7 amma mana hidhaa jiran wajjin Awaash, Galaanii fi Burraayyuutti hidhamaa turan. Wayita sana akka malee dhukkubsatanii dadhabnaan mana hidhaatii akka baafaman ni yaadatama. Ammas akka hin fayyinee fi qoricha fudhachaa jiraachuu maatiin isaanii himaniiru

Leave a Reply