Atileetiin Keeniyaa abbaan riikardii maaraatoonii balaa konkolaataatiin du’uun dhagahame.

Dorgommii maaraatooniin riikardii addunyaa kan harkaa qabu dargaggeessi ganna 24 lammii Keeniyaa Kelviin Kiptaam balaa konkolaataan lubbuunsaa darbe.

Kiptaam leenjisaasaa lammii Ruwaandaa Jarvees Hakizimaanaa waliin Lixa Keeniyaatti balaa konkolaataa Dilbata isaanirra gaheen lamaanuu lubbuu dhabaniiru.

Poolisiin Keeniyaa dhimma kana ilaalchisee ibsa kenneen, Kiptaam konkolaataa ofumaaf konkolaachisaa akka ture, ”to’annoon ala ta’uun garagalee namoota lamaanuu battalumatti ajjeese” jechuun ibseera.

Kiptaam bara 2023 keessa riikardii addunyaa fiigicha maaraatoonii harkasaa erga galfatee abbaa riikardii lammii biyyasaa Eliiyuud Kipchoogeettii qormaata ta’uu mirkaneesse.

Atileetiin kun Onkololessa darbe Chikaagoottii riikardii Kiipchoogee 2:00:36n galuun kan fooyyesse.

Leave a Reply