Hawwaasni Oromoo qe’eef qabeenya ofii irraa buqqaa’anii Wallagga Bahaa magaalaa Naqamtee jiran haala rakkisaa keessa jiraachuun himame.

Waraana qe’eetti irratti banameen uummatni Oromoo Wallagga Bahaa bakkeewwan hedduu buqqaa’uuf saaxilamaniiru. Kanneen buqqaa’anii lubbuu baafatan isaan milkaa’oodha kan jedhamu, lubbuun namoota hedduu garuu darbuu danda’eera

Rakkoo ulfaataa uummata kana mudateen miidhama dubbatamee hin dhumneef saaxilamuu kan himan uummatni Oromoo kunneen, kaleessa midhaan kutaala kumootaan lakkaa’anii galchaa kan turan har’a garuu waan nyaatan dhabuurra gahuu imimmaaniin dubbatu.

Tibbana Sursagalee Qubee TV irraan tamsaafameen abbaa qabeenyaa kan ture Taaddalaa Bayyanaa miidhamni hangamii akka isarra gahe dubbateera. Qubee TV’n kanneen Wallagga bahaa Haroo irraa buqqaa’anii amma Naqamtee jiraataa jiran akka haasofsiise Vidiyoo san irraa hubachuu danda’ama. Namni kun wayiita waan isarra gahe dubbatutti obsa guddaadhaan miira aarii ittifataa osoo dubbatu kan mul’atu, dhumarra garuu obsa fixatee imimmaan maddii isaarra osoo kololuu video’n sun agarsiisa.

“Horii gaanfaa 42 ol, akkasuma hoolonni, gaagurri ammayyaa, manni jireenyaa baadiyyaarraaf magaalaarraa na duraa gubatee qisaasa’ee jiraa. Naannoo magaalaa Haroo 01 irraa mana jireenyaa ammayyaa miliyoona 3.5 baasu na jalaa badeera.” Jedha Obbo Taaddalaan.

Akkasuma oomisha qonnaa lafa mootummaa irraa kireeffatee jiru irraa waan oomishate duraa barbadaa’uu dubbate. Mankuusaan mudhanii manni qorqorroo ballee 75 ta’es duraa manca’uu dubbata. Ilmi Oromoo hojjetatee fayyuu abjootu, akkasumas abbaa qabeenyaa miliyeenara ture kun akka malee jireenyi isaa manca’uu nama hubachiisa.

Muuzii ammayyaa hojjetaa jiru biqiltuun isaa lafa hektaara sadiirraa duraa manca’uu dubbate. Lubbuu ofii baafachuun yeroo ammaa abbaa isaa maanguddoo humna galgalaan socho’aniif maatii isaa faana jiraataa akka jirus hime.

Namni kaleessa nyaata filatee nyaatu har’a nyaata lubbuu isaaf maatiisaa tursiisu dhabee harka namaa ilaaluuf dirqamuu yoo ibsu garuu obsa dhabee imimmaan xuruurfate.

Gagaa’ama waraanaa ilmaan Oromoo irra bara kana gahe keessaa kun isa tokkodha. Eenyutti himanna? Eenyu furmaata nuu laata? Dhiifama gaafannee deebi’uun osoo danda’amee, qaamni dhiifama gaafannus osoo jiraatee qe’eetti deebine hawwii keenya kan jedhus yaada Taaddalaa Bayyanaati.

Barataa Guutaa Tarrafaa jedhamu barnoota isaa nama jaallatu ta’uu kan ibsuuf mana barumsaa isaatti sadarkaa akka qabu eere. Barataan kun mana barumsaa Hoosee jedhamutti barataa akka ture Video Qubee TV kanarraa hubachuun danda’ama. Manni barumsaa kun Shawaa Kabaa Salaalee aanaa Warra Jaarsoo keessatti akka argamudha kan quba qabnu.

Akka barataa Guutaa Tarrafaa jedhutti manni barumsaa kun maateriyaala adda addaa guuttattee kan turte, mana barumsaa bareedaa turte. Har’a garuu waraanaan barbadooftee daasii jalatti barataa akka jiran hima. Sababa waraanaatiin abdiif abjuun isaa karaa bubbuluu dabalee dubbata.

Oromiyaa keessatti haleellaa sabummaa gaggeessaa kan jiru Faannoon guutummaatti ilma Oromoo ajjeesuu qabeenya mancaasuu isaa gabaafamaa tureera. Bakkeewwan eerame kana keessattis sochiin Faannoo dhagaa’amaa tureera. Faannoo alattis waraanni mootummaa hawwaasa Oromoo duraa mana gubuu, qabeenya mancaasuun miidiyaaleen gabaafamaa tureera.

Qubee TV’n haleellaa mana amantaa Wallagga Bahaa Saasigga keessatti raawwate irrattis sagantaa waraabe YouTube isaan tamsaaseera. Namni ajjeechaa tajaajiltoota waldattiirra gahe irraa hafe obbo Alamuu Abarraa miidiyaaf yaada kenneera. Akkamiin akka miidhaan irra gahe yoo dubbatus miira gaddaan ibsata.

Ajjeechaaf dararaan gadadoon hawwaasa Oromoo irra gahuun sirna Itoophiyaa keessatti baramaa ta’us kan bara bulchiinsa PP kun adda. Rakkinni kun ammallee furmaata dhabee itti fufuun garuu nama gaddisiisa.

Leave a Reply