Ayyaana Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo marsaa 14 ffaa Konyaa Boosat Fantallee Galma Amantii Waaqeffannaa Boosat tti kabajnee galma waaqeffannaa haaraa dhaloonni dammaqe ijaarrate milkiin eebbisiifamuunis himame.

Sirna yaadannoo kana irrattis hawwaasni kumoota hedduun lakkaa’aman argamanii hirmaataniiru. Barnoonni Waaqeffannaas maanguddoota irraa laatameera. Gorsi amantii waaqeffannaas kan adeemsifame yoo ta’u sochii galma Waaqeffannoo guddisuu keessatti tarkaanfii guddaa ta’uu isaatu himame

Leave a Reply