Teekinolojii haaraan sammuu dhala namaa Computer akka to’atu taasisu kalqame.

Dubbiin siqaatuma siqaa dhugaa ta’uuf deema. Dhimmi Maayikiroo Chiiphii dureessa beekamaa Elon Maskiin hojjetamaa akka jiru waggoottan darbe keessa guungumamaa ture amma yaalii isaa gara goolabaatti fidaa akka jiru gabaasame.

Teekinolojii Maayikiroo Chip abbaa qabeenyaa Tiwiitara durii kan amma X jechuun mogga’ee kan ta’e Elon Mask sammuu dhala namaa Computer akka tohatamu yaalii taasisaa jiruun yeroo duraaf nama keessa kaahuu beeksise.

Tarii kana booda wanti ta’uu malu addunyaa irratti namoota Technology kana qabaniin ala milkaa’inni saffisaan dhibuu waan maluuf, dhalli namaa technology kana gargaaramuuf dirqamuu mala sodaan jedhu uumameera.

Gabaasni har’a bahe kan ibseen Biliyanarichi Iloon Maask dhaabbannisaa Niwuraaliink chippii funyoo hin qabne yeroo jalqabaaf milkaa’inaan sammuu namaa keessatti awwaaluu beeksise.

Bu’aa yeroo jalqabaaf mul’ateen niwurooniiwwan sammuu deebii kan kennan yoo tahu dhukkubsataanis bayyanachaa jira jedhe.

Kaayyoon dhaabbatichaa sammuu namaa kompiitara waliin walitti qabsiisuun dhukkuboota sammuu wal-xaxaa tahan furuu irratti gargaaruu dha.

Dhaaboti dorgomtoonni biroon meeshaa wal-fakkaataa sammuu keessa awwaaluun yaalii wal-fakkaataa taasisan jiru.

Iloon Maask dhimma kana irratti hojjechuuf Caamsaa darbe Bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa irraa eeyyama argate.

Niwurooliink, kuni qorannoo waggaa ja’aa roobootii fayyadamuun fo’aa hamma rifeensaa qal’atu 64 kutaa sammuu ”fedhii sochii” to’atu keessa kaa’uuf jalqabbii gaarii dha jedhan.

Akka dhaabbatichi jedhutti fo’aan amma sammuu keessa kaa’ame funyoo otoo hin qabsiifamiin baatiriinsaa chaarjeffamuu danda’a- kunis dambalii smmuu keessaa galmeessuun akkatti namni sun socho’uu barbaade hiika kennuun gara appiitti dabarsa.

Iloon yaada X irratti maxxanseen hojiin Niwurooliink jalqabaa Teeleepaatii jedhamaa jedhe.

Teelepaatiinis, ”bilbilaafi kompiitara kee yaaduu dhaan qofa to’achuu si dandeessisa, isaan immoo waan barbaadde biraa to’attaa,” jedhe.

”Namoonni jalqaba teekinolojii kana fayyadaman namoota miila isaanii dhaabani dha,” jedhe.

Iloon maqaa dhaabbatasaa ol haa kaasuyyu malee isa dura dhaabonni kanneen akka Blackrock Neurotech jedhaman sammuu fi kompiitara bara 2004tti ture kan wal-quunnamsiise.

Meeshaaleen amma hojiirra jiran bu’aa argamsiisaa jiru. Qorannoo Ameerikaatti dhihootti taasifameen meeshaaleen sammuu keessatti awwaalaman yeroo namni dubbatu sochii sammuu keessa jiru hordofuun, namoota rakkoo haasaa qaban gargaara.

Kun ta’ee garuu dhaabbileen amantaa yaada kana cimsanii balaaleffatu. Rakkoowwan akka qabus nii himu. Maayikiroo Chiibsi jechuun akkuma bu’aan isaa gaarii ta’e, akkuma Mimmory bilbila keenyaa Vaayirasii ģodhachuu mala. Vaayirasii kana haqsiisuufis maallaqa anti vayirasii ittin bittu barbaachisa jedhu. Kanaan alas faallaa Quraanaa fi Wangeelaa waan deemudha jechuun technology kana namooti tokko tokko nii mormu.

Leave a Reply