Diramaa xumura hin qabne kan mootummaan WBO’n balleessa jechuun dalaguun hawwaasni jeequmsa ulfaataaf saaxilamee jira.

Tibbana Oromiyaa kutaalee hundatti duula WBO dhabamsisuu jedhuun mootummaan Itoophiyaa keessoon caasaaf labsii dabarsee hojiitti jira. Duula kana milkeessuuf akka furmaataatti kan akeekkateen uummata hirmachisuu kan jedhudha.

Kanas dirqamaan uummatni bahee Bosona akka sakatta’u kan jedhu ta’uu maddeen hawwaasaa himu. Haala kanaan guutummaa Oromiyaa keessatti WBO adamsuu maqaa jedhuun uummatni hojii dhuunfaa isaa akka hin hojjetanne danquun dalagaa mootummaan hojjetaa jiruun miidhaa guddaan dhaqqabaa jira.

Uummatni Eeboo fi dullaa qabatee akka bosonatti bobba’u dirqisiifamaa jira. Waggoottan ja’aa oliif guutummaa Oromiyaa keessatti labsiin fakkaataan irraa jalaan darbaa turan. Labsiin sun garuu akka mootummaan itti abdateen faallaa inuma akka WBO’n dagaguu taasisuu keessatti shoora taphataniiru.

Waraana Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf gola mootilee addunyaa hunda lixee kan bahe mootummaan Itoophiyaa, deggarsa meeshaa waraanaa akkaan ammayyaadha jedhamu argatullee itti milkaa’ee WBO dhabamsiisuu hin dandeenye.

Kilaashiirraa hanga Dirooniitti meeshaa waraanaa jira jedhamuun duulli gaggeeffame milkaa’ina kan dhabe uleef dullaadhaan WBO dhabamsiifna jechuun haasaa qoosaa wayii fakkaateera.

Inumaa haalli raawwataa jiru kun uummatni nagaan akka miidhamu,hawwaasni akka rashanamu taasisuurra darbee nageenya biyyatti daran booreessaa jira.

WBO baatii sadii gidduutti dhabamsiisna jechuun dhaadachuurraa qabee qondaalonni mootummaa akkuma dhaadataa turan uummata nagaa dararuu, ajjeesuu hojii idilee isaanii taasifataniiru.

Gama kaaniin gidduu kana duula sakattaa WBO uummata bobbaasuu cinatti hololli guddaan deddeemaa jira. Caasaaleen mootummaa kaabinoonni aanaaf godinaa daataa namoota ajjeefamanii ol guddifachuuf uummata nagaa ajjeesanii akka waan WBO dhabamsiisaniitti bakka hedduutti raawwataa jira.

Kana keessatti uummatni nagaan meeshaa hin qabne, qote bulaaf hawwaasni hojii adda addaarratti bobba’ee of jiraachisu daandiirratti kaan ammoo manaa baafamee ajjeefamuun hammaatee jira.

Rakkoowwan kun dhaabbatee hawwaasni Oromoo nagaa akka ta’uuf lammiileen Oromiyaa hundi gahee mataa isaanii bahachuu akka qaban dhaamamaa jira.

Leave a Reply