Caasaan mootummaa ilma abbaa Gadaa ajjeese jechuun yoo dhaadatu maddeen kaan ammoo gabaasichi soba ta’uu akeekan.

Gabaasni miidiyaalee mootummaa hedduun torban darbe keessa ilma abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa ajjeefame jechuun balballoomsaa turan. Maxxansa miidiyaa hawwaasaa deggartoota PP dabalatee waa’ee ajjeefamuu ilma abbaa gadaa Tuulamaa eeraa turaniiru. Faallaa kanaa hawwaasa hedduurraa akkasuma maxxansa miidiyaa hawwaasaa muraasarraa ammoo du’uu isaa kana soba ta’uu himu.

Kominikeeshiniin Godiina Arsii Lixaa Ebla 14, 2024 fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti akka gabaasetti ilmi Abbaa Gadaa Goobanaa Hoola Godina Arsii Lixaa, Aanaa Gadab Hasaasaa keessatti ajjeefame.

Maqaan ilma abbaa gadaa akka ajjeefametti ka’e kun Foollee kan jedhamu yoo ta’u, dhimma kana irratti abbaa gadaa Goobaa Hoolaa gaafatamaanii ilma akkas jedhamu qabaachuu eeran. Garuu ajjeefame kan jedhu miidiyaa hawwaasaa irraa dhaga’uu ibsan.

Quunnamtii waliin hin qabu waggaa 6 dura manaa bahe kan jedhan abbaa gadaa Goobanaa, waa’ee ajjeefamuu isaa kana warruma du’asaa gabaaserraa odeeffachuu akka wayyu himan.

Abbaa gadaa Goobanaan waa’ee ilma isaanii yoo himan ijoollummaan manaa bahuu dubbatan. Ilmi isaanii kun “Umuriin isaa gara 34tti deemaa jira amma.” Jedhan. Itti dabaluun Yeroo Follee taphadhun dhalche nama kana, kanaafan Foollee jedhee maqaa itti baase. Namni naa ajajamu, jiruu naa hojjatu kanan itti bulu isa ture. Umurii ijoollummaatti manaa bahe.” Jechuun dubbatan.

Erga manaa bahee garuu waggaa 6 as wal arganii akka hin beekne hariiroon isaanii akka addaan cite dubbatan. Suuruma isaayyuu ajjeefame jechuun kan maxxanfame irratti akka argan himan.

Ilma isaaniif gaddaa jirtuu jedhamanii kan gaafatamaniif deebii “Oromoo maraaf gaddina malee ilma keenyaf waanti gaddinu hin jiru. Jiraatee du’ee waanti isaa gaddinu hin jiru, nuti jiruu Oromoon keessa jirutti gaddina,” jedhaniiru.

Caasaaleen mootummaa nama lubbuun jiru ajjeefne jedhanii gabaasuun kanaan kan jalqabaa miti. Ajajaa WBO Zoonii Lixaa kan ta’e Jaal Marroo yeroo 6 oliif akka waan ajjeefameetti gabaasaa turaniiru. OBN dabalatee caasaaleef qondaalonni PP bakkatti ajjeesan waliin gabaasa kijibaa qopheessaa turan. Oolee osoo hin bulin garuu Marroon jiraachuun hubatame. Kanarraa dhaabbatamuun akkasuma yaada miidiyaa hawwaasaa irraan balballoomaa jiru irraa ka’uun waa’een ajjeefamuu ilma abbaa Gadaa Goobamaa Hoolaa soba ta’uu akka hin oolle akeekama

Leave a Reply