WBO’f deggarsa taasifta jechuun qabanii hidhuun dararaa irraan gahanii lubbuun abbaa qabeenyaa Oromoo tokko akka darbu taasifamuu himame.

Deggaraa ABO akkasuma miseensota WBO jedhamuun miidhaan hawwaasarra gahu akkaan dabalaa dhufuun abbootii qabeenyaa Oromoo irraan miidhaa geessisaa jira.

Gabaasa arganneen magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Sulultaatti hidhamtoonni hedduun maqaa miseensotaa fi deeggartoota WBO tiin reebicha hamaan irra gahaa jira. Deggarsa maallaqaa taasiftanii jechuun abbootii qabeenyaa Oromoo naannichaa qabanii hidhuun mana hidhaa keessatti ajjeesuu gabaasamaa jira. Haala kanaan abbaan qabeenyaa Hoteela Burtukaan #Taganuu_Dureessaa reebicha hamaa mana hidhaatti irratti raawwatameen lubbuun isaa darbuu himame.

Namni kun sabboonummaa qabuun hawwaasa isaa biratti marartee kan qabu ta’uu gabaasichi ibse. Kana malees iyyeessota gargaaruu irraa duuba kan hin jenne, gara laafessa namaa waan Oromoo ta’e qofaaf irratti qiyyaafatamee akka du’u taasifamuu isaa himameera.

Leave a Reply