Waktiin qonnaa osoo hin gahin baatileen kan hafu, qarshii Xaa’oo fidaa jedhamuun qonnaan bultootni hiraarfamaa jira.

Waraana biyyattii keessatti karaa adda addaa adeemaa jiruun maddi dinagdee Itoophiyaa laamshawuutti kan jiru caasaaleen mootummaa qonnaan bultootarraa maqaa Xaa’oon maallaqa sassabuun adeemaa akka jiru himame.

Biyyattiin hidaa biyyoota alaa kaffaluu dadhabuu bara kana miidiyaalee idil addunyaan gabaafamaa kan ture, akkasuma gidduu kana ammoo Baankiin Misooma Afrikaa haala qaala’insa Itoophiyaa keessaa biyyoota Afrikaa muraasa irratti akeekkachiisa kennaa wayiita jirutti rakkoo dinagdee mudate suphachuuf mootummaan tooftaa hedduu fayyadamaa jira jedhame.

Kanaanis waktiin Arfaasaa baatii lamaa ol hafee osoo jiruu, Xaa’oo kan ittiin fudhattan fidaa jechuun qonnaan bultootarraa maallaqni guuramaa kan jiru ta’uu gabaafame. Kunis kasaaraa maallaqaa hundee gadi fageeffatee biyyattii hudhee jiruun, rakkoon dinagdee guddaan Itoophiyaa quunnameera.

Haala kana tasgabbeessuuf tooftaa isa gargaaru mara fayyadamaa jiraachuu mootummaa gabaasaan arganne mirkaneesse. Kanaanis Wallaggaa Bahaa aanota akka Guutoo Giddaa, Giddaa Ayyaanaa fi Giddaa Kiiramuu keessatti Caasaaleen PP maallaqa keessan kan Xaa’oo ji’a Arfaasaa keessa isiniif kennamu amma mana Baankiitti galchaa jechaa jiraachuu gabaasame.

Guyyaa kaleessaa jechuun Guraandhala 19,2024 Wallaggaa Bahaa Guutoo Giddaa, Giddaa Ayyaanaa, fi Giddaa Kiiramuu keessatti kaabinoonni fi waraanni sirnichaa uummata dirqamaan walgahii yaasuun maallaqa xaa’oo amma yeroon kaffaladhaa jechuun sobanii uummata saamuuf mariisiisaa turuu ibsameera.

Akka jiraattonni jedhanitti aanaa Guutoo Giddaa magaalaa Ukkee irraa kaabinoonni kunneen waraana waliin ta’uun gatii xaa’oo amma kaffaluu qabdu namni amma hin kaffalle xaa’oo booda fudhachuu hin danda’u jechuun doorsiisaa turuus eeran.

Kanaa alattis kaffaltii Inshuuraansii Fayyaa jechuun tokkoon tokkoo qonnaan bulaarraa maallaqa guddaa fuunaanaa akka turan eerameera.