Diigamiinsa manneenii Naannoo Hararii keessatti raawwachaa jiruun uummata Oromoo irraan miidhaan lubbuu fi qaamaa qaqqabuun barame.

Guyyaa har’aa jechuun Bitootessa 4,2024 Mootummaa Naannoo Hararii magaala Harar  keessatti  uummatni Oromoo baay’een caasaa bulchiinsaa fi waraanaa bilxiginnaan miidhaan irra gahaa turuu barame.

Waraanni mootummaa fi caasaa bulchiinsa bilxiginnaa har’a lafa barii toora  sa’a 10:00tti dhaquun  sa’a 11:00 irraa qabanii magaalicha ganda 01 bakka addaa ganda Feerroo jedhamuun beekamu keessatti manneen uummataa maqaa ijaarsa seeraan alaa fi misoomaaf barbaanneen irratti diigaa turan.

Caasaan PP humnaan manneen uummataa diigaa turanii fi uummata gidduutti wal dura dhaabbannaa dhalateen dhukaasni hanga ganama sa’a 2:00tti geggeeffamaa turuu barameera.

Dhukaasa kanaanis waraanni PP uummata keessaa namoota 5 kan rukutan yoo ta’u, isaan keessaa 2 du’uun 3 madaa’an jedha gabaasni arganne.

Gochi lafa Oromiyaa irratti Oromoon abbummaa dhabee maqaa bulchiinsa Harariin mootummaa naannichaa keessatti hanga lubbuutti aarsaa kafalaa jiru kun jabaachaa waan jiruuf ilmaan Oromoo naannichaa  tokkummaan dura dhaabbachuun akka mirga jiraachuu keessan kabachiistan jechuun hawwasni naannichaa dhaammataniiru.

Gochaan ijaarsa seeraan alaa diiguu jedhuun Oromiyaatti gaggeeffamuun kun kan jalqaqabaa osoo hin taane naannoo Finfinnee magaalaa Buraayyuu keessatti bara darbe taatee kana fakkaatuun uummati hedduu miidhamaa turuu gabaafamaa tureera.

Leave a Reply