Godina Arsii bahaa aanaa Sirkaa keessatti manneen qonnaan bultoota hedduu abiddaan gubate.

Manneen hawwaasaa gubachuu, qe’eerraa buqqaa’uun akkuma waggoottan arfan darban Oromiyaa keessaa dhagaa’amaa jirutti itti fufee jiraachuu ammallee gabaasaan bahu mirkaneessaa jira.

Egeree uummata Oromoo gadadootti hambisuuf akkasumas yaaddoo guddaa hawaasatti kan ta’e lolli adeemaa jiru abdii hawwaasaa kutaa akka jiru himama. Hawwaasni Oromoo loltoota Faannoo, loltoota mootummaa fi hidhattoota milishaa mootummaa osoo hin hafin dararaan itti wal jijjiiree irra gahu ammallee daangaa dhabuu himameeti jira.

Loltoonni mootummaa uummata nagaa qe’ee isaa irratti gubanii barbadeessuun waggoota shanan darbanii kaasee geggeeffamaa turullee bara kana garuu addatti sirnichi waraana balleessii hawaasa gidduutti bobbaasuun qe’ee uummata nagaatti gadda uwwisuun maatiin hedduunis yeroo ammaa bakkeetti faca’aanii argamu.

Amajjii 29,2024 Arsii bahaa aanaa Shirkaa ganda Soolee Nageellee keessatti manneen qonnaan bultoota hedduu gubachuun beeladoonnii isaaniis saamamuu jiraattotni dubbatu.

Manneen lakkoofsaan hedduu ta’aan hidhattoota sirnichaan kan gubatan yoo ta’u, isaan keessaa kan maqaa arganne Tamaam Umaroo, Qaasim Amaan, Muusaa Mohaammad, Guyyee, Aadee Hammeessoo, Golloo Hamdaa, Kamaal Faqoo, Buna Galatoo, Abdul jabbaar Mohaammed, Abdallaa Haloo, Nageessoo Hammeessoo, Usuu Hammeessoo, Yaaqob, Aadam fi Muhammad Ahimad kanneen jedhaman warreen mi’a mana keessaa tokkollee osoo hin baafataniin jalaa gubanii barbadeessanii jiraachuu maddi odeeffannoo keenya Arraati Biyyoolessa Oromiyaa gabaaseera.

Namoonni qabeenyi isaanii jalaa saamame hedduu ta’ullee kanneen keessaa kan maqaa arganne Usuu Muhaammad Guyyee jalaa uffataaf qarshii yoo jalaa saaman, Hasan Muhaammad qotiyyoo 1 kan qarshii kuma 80tti tilmamamu Jamaal Muhaammad qotiyyoo 1 kan qarshii kuma 90 tti tilmaamamu, Muhaammad Haajoo Korbeessa hoolaa tokko kuma 10 kan baasu, Hasoo Aadam hoolota haadhoo sadi kuma kudha shan, Muusaa Muhaammadoo Korbeeyyiii re’ee 2 baasu.

Uummanni aanichaa rakkoo hamtuu keessatti kufanii jiraachuu fi gidiraan hanga kana hin jedhamne irratti raawwachaa turuu fi hanga ammaa kanatti illee kan irraa hin dhaabbanne ta’uus dabaluun ibsan.

Leave a Reply