Gujiitti abbootiin gadaa sirna baallii wal harkaa fuudhuu gaggeessuuf akka jiran himame.

Sirna Baallii walharkaa fuudhuuf qophii taasisaa kan jiran gadaa Gujii sadeen keessaa Uraagaan yaa’ii isaa guutuu wajjiin baallii dabarsee kennuuf ardaa irra qubatee ture irraa godaanee ardaa jilaa Me’ee Bokkoo qubate.

Yaa’iin Uraagaa Ardaa Jilaa Baallii kennuuf qophii isaa hunda xumuratee yaa’a isaa guutuu waliin godaanee Ardaa Baallii irratti kennuu Ardaa Jilaa Me’ee Bokkoo qubatee jira.

Yaa’iin Uraagaa ardaa kana yommuu qubatu Uchumee Irbee Ibidda qabsiifachuun Me’ee Bokkoo eebbifatee hanga guyyaa Baallii kennuutti achirra turee kan eeggatu akka ta’es Abbaan Gadaa Harmuufa Jiloo Maandhoo himanii jiru.

Sirni Baallii wal harkaa fuudhuu Gadaa Gujii kan geggeeffamu Gurraandhala 14-23/2024 ykn Gurraandhala 06-13/2016 ALItti yoo ta’u, sirna baallii wal harkaa fuudhuu kana irratti ummanni Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa eenyummaa isaatiin miidhaguun akka hirmaatuuf waamichi dhiyaatee jira.

Leave a Reply