IGAD “waldhabdee” tibbana Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu uumame irratti mari’achuuf walga’ii yoo waamu, Chaayinaan ejjennoo Somaaliyaa tumsite.

IGAD “waldhabdee” tibbana Somaaliyaa fi Itoophiyaa gidduutti uumame fi waraana Sudaan keessatti deemaa jiru irratti mari’achuuf yaa’ii addaa waameera.

Dura taa’aa IGAD kan ta’an Pirezidaantiin Jibuutii Ismaa’eel Omar Gelee walgahii Amajjii 18, 2024 Yugaandaa tti gaggeessuuf karoorfame kana irratti biyyoota miseensa ta’an akka argaman affeeraniiru.

Yaa’iin kun waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduu mallatteeffame hordofee waldhabdee Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu uumame furuuf ni mari’ata.

Kana malees, walgahiin IGAD kun waraana Sudaan keessatti Ebla bara 2023 Raayyaa Ittisa Sudaanii fi Humnoota Deeggarsa Saffisaa (#RSF) gidduutti uumame irratti waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka irra gahamu kaayyeeffate.

Yaa’iin addaa IGAD kun hoggantoota biyyoota miseensa IGAD, akkasumas bakka bu’oota Gamtaa Afrikaa fi michoota idil-addunyaa ni hirmaachisa jedhameera.

Gama kaaniin dhimma ulaa galaana Diimaa wal qabatuun Chaayinaan tokkummaa daangaa Somaaliyaa akka deeggartu ibsite; Ejjennoo “Somaalilaand qaama Somaaliyaati’ jedhu akka qabduus caqasteetti.

Dubbi himtuun Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa, Maa’oo Niing, Chaayinaan abbaa biyyummaa fi tokkummaa daangaa Somaaliyaa akka deeggartu ibsan. Gama kanaan kaayyoo fi qajeeltoowwan Chaartara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kabachiisuuf kutannoo akka qabdu cimsanii ibsaniiru.

Ibsa kaleessa galgala kenname kanaan, Chaayinaan ejjennoo “Soomaalilaand qaama bulchiinsa Somaaliyaati” jedhu akka qabdu ibsaniiru. Dubbi himtuun Ministeerichaa, Chaayinaan biyyoonni naannichaa misooma waloo fi tumsa michoomaaf dhimma gidduu isaanii marii dippilomaasiitiin akka ilaalan dhaamaniiru.

Ibsa kana hordofee, har’a ganama Somaaliyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Fey Shengchaa’oo pirezidaantii Somaaliyaa Haasan Sheek Mohaammud waliin wal arguun Chaayinaan abbaa biyyummaa fi tokkummaa Somaaliyaa akka deeggartu irra deebi’anii mirkaneessaniiru. Chaayinaan qajeeltoowwan Chaartara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti ibsamaniif kutannoo qabdu akka eegdu fi ejjennoo Somaalilaandi qaama Somaaliyaati” jedhu irra deebi’anii ibsaniiru.

Leave a Reply