Hawwaasni Oromoo siyaasaa Itoophiyaa keessatti miidhaan irra gahuun ammallee hammaatee jira.

Uummatni Oromoo biyya Somaalilaand keessa jiraatan dhimma gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaan kaafteen wal qabatee rakkoo hammaataaf saaxilamaa jiran. Hawwaasni Oromoo kunneen sababa Abiyyi Ahemad Oromoo ta’e qofaaf uummata Oromoo lafa keenya fudhataa jira maqaa jedhuun dhiibbaan uummata Somaalilaand’n irra gahaa jira.

Paartileen mormituu Somaalilaand hawwaasa Oromoo uummata kuma dhibba shan ta’an kan biyyattii keessa jiran buqqaasuun akka barbaachisu gaafataa jiru. Rakkoo akka qoosaatti eegale kun balaa guddaa hordofsiisuuf akka deemu himamaa jira.

Mootummaan Itoophiyaa nageenya lammiilee isaatii osoo hin tiksin, maal na dhibdeedhaan gaaffii balaaf hamaa akkanaa dhiyeessuun akkaan nama yaaddessa. Haala amma adeemaa jiru kanaan jireenya hawwaasa baqataa Oromoo Somaalilaand balaa kessa seeneera.

Oromoon biyya keessattis alattis gidiraa arguun daranuu itti fufuunsaa madda yaaddoo hawwaasaa ta’ee jira.

Leave a Reply