Mootummaa Itoophiyaa bara kana karaa gaggeessaa isaa Abiyyi Ahemad dhimma Ulaa galaanaa dubbii ijoo taasifatee jira. Biyya bishaaniin marfamtee jirtu, ammoo ulaa galaanaa hin qabne ta’uun hangam akka dinagdee ishee miidhe ibsiti Itoophiyaan. Qaamoleen dhimmi kun isaan ilaallatuuf xiinxaltoonni adda addaa ammoo gaaffii ulaa galaanaa kaasuu Itoophiyaaf naannichatti hokkorri babal’achuu mala jechuun sodaa qaban ibsataa turan.

Haala kanaan tibbana ammoo Mootummaan #Somaalilaand Itoophiyaaf ulaa galaanaa kennuu beeksise. Ta’us yaadni kana kan hin fudhanne Somaaliyaa fi gartuuleen ishee tumsan dhimmicha fudhatama dhabsiisaa jiru.

Ministeerri Dhimma Alaa Somaalilaand waliigaltee Wiixata waaree booda Muummee Ministiraa #Itoophiyaa Abiy Ahimad fi Preezdaantii Somaalilaand Muusee Bihi Abdii gidduutti mallattaa’e ifatti mirkaneesseera. Waliigaltichi Itoophiyaan ulaa galaanaa 20km humna galaanaa itti ijaarrattu akka qabaattu fi Somaalilaandiif ammoo beekamtii idil addunyaa akka kennitu kan taasisu ta’uu ibseera.

Gama biraatiin, ejjennoo cimaa ‘Somaalilaand qaama bulchiinsa kooti’ jedhu kan qabu mootummaa Somaaliyaa walga’ii ariifachiisaa kaabinee olaanaa kan waame yoo ta’u, waliigaltee kana ilaalchisee [keessattuu dhimma Itoophiyaan Somaalilaandiif beekamtii idil addunyaa kenniti jedhameef] mari’atee murtoo akka kenneera.

Kanaanis Somaaliyaan waliigaltee #Itoophiyaa fi #Somaalilaand gidduu mallatteeffame “fudhatama hin qabu” jette

Dhimma waliigaltee ulaa galaanaa mootummaa Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduu kaleessa mallattaa’e ilaalchisee kaleessa ganama walga’ii ariifachiisaa kan waame kaabineen Somaaliyaa, waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaaf kennuuf irra gahame “fudhatama kan hin qabnedha” jedheera.

Ministirri Mummee Somaaliyaa Hamzaa Abdii Barree walga’ii kana irratti haasawaa taasisaniin, “mootummaan Somaaliyaa lafa, galaana fi qilleensi biyyattii akka hin sarbamneef kutannoo qabu uummata keenyaaf ni mirkaneessina,” jedhan.

“Gochi Itoophiyaa kun nagaa fi tasgabbii gaanfa Afrikaa kan booreessuudha,” kan jedhe kaabinichi, Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaa Afrikaa, Liigii Arabaa fi Dhaabbata Walta’insa Islaamaa akka gidduu seenan waamicha taasiseera.

Kana malees, Somaaliyaan Ambaasaaddara ishee Itoophiyaatti argamu mariif waamuu ishee CGTN gabaaseera.

Gama kaaniin Waliigalteen Itoophiyaafi Somaaliilaand gidduutti tibbana mallattaa’e hidhattoota Alshabaab kan mufachiisu ta’uu Pireezidaantiin Somaaliyaa Hassan Sheek Muhaammud dubbataniiru jechuun Garowe Online gabaaseera.

Pireezidaantichi ibsa paarlaamaaf laateen, akkuma giddugalummaan MM Itoophiyaa durii Mallas Zeenaawii garee Alshabaab kakaasee ture gochi mootummaan Itoophiyaa amma raawwachaa jiru kuni loltoota Alshabaab deebisee kan kakaasuu ta’uu himaniiru.

“Giddugaltummaan Mallas taasisee ture Alshabaab Somaaliyaa keessatti akka dhalatu taasiseera. Kan Abiy Ahmad amma gochaa jiru kuni garichaaf carraa biraa uumuu waan danda’uuf tarkaanfii sirrii ta’ee miti,” jechuun pireezidaanticha wabeeffachuun Garowe’n gabaaseera.

Murtee Somaaliilaand lafa qaraqar galaanaa 20km ta’uu Itoophiyaaf kennuuf murteessite sirrii miti jedhaniiru. “Somaaliyaan kan Somaalotaati. Birmadummaafi tokkummaa biyya keenyaa tiksaa tureerra. Lafa keenya inchii tokko hin kenninu. Tarkaanfii lafa keenya fudhachuuf yaalii taasifamu kamiyyuu obsinee hin ilaallu,” Pireezidaantichatu jedhe.

Oduu wal fakkaatuun, Somaaliyaafi Misra tika nageenyaa biyyoota lamaanirratti waloon hojjachuuf mari’ataniiru jedhame. Tattaaffii Somaaliyaan daangaa ofii tikfachuuf taasisftu Misra kan tumsitu ta’uu pireezidaantiin Misraa Abdulfattaah Alsiisiin ibsaniiru.

Itoophiyaafi Somaaliilaand waliigaltee walhubannaa kan Itoophiyaan Ulaa galaanaa akka ijaarrattu taasisu mallatteefamee ture. Waliigaltee Itoophiyaafi kutaa biyya Somaaliyaa kan fottoquun ofiin of bulchaa jiru Somaaliilaand jedhamu gidduutti raawwatame kana hordofuun mootummaa Somaaliyaa mufachiiseera.

Itoophiyaan balaa waraanaa keessoo ishee irratti dabalataan waraana biraa ollaa ishee waliin hordofuuf adeemsa waan qabatte fakkaatti. Haalli dhimma ulaa galaanaa kun tarii biyyoota hedduu waliin Itoophiyaan wal waraanuuf ulaa akka saaquu danda’u sodaatama.

Leave a Reply