Baayyinaan ilmaan Oromoo keessatti kan argaman lammiilee Itoophiyaa hedduun mana hidhaa Sa’uud Arabiyaa keessatti dararaa argaa jiraachuun caqafame.

Haalli nageenya Oromiyaa keessaa hunkuramuu irraa kan ka’e yeroo hedduuf lammiileen Oromoo baqaaf saaxilamuun itti fufeera. Kaan jireenya ofii wayyeessuuf kaawwan ammoo baqa mootummaaf jecha qarriffaa jireenyi baqaa qabuuf saaxilamu. Imala isaanii irraa qabee hanga biyya Sa’ud Arabiyaattillee dararaan biraa kan hin hafne lammiileen Itoophiyaa miidhaa adda addaaf saaxilamuun yeroo hedduu gabaafama.

Haala kanaan lammiileen Itoophiyaa Manneen hidhaa Sa’uud Arabiyaa kan Riyaad, Jidda, Najiraan, Zaarajunuub, Vargaa, Tarsiis, Zabaaridaa, Kamismisheet, Danda’aa Mashiid, Abahaa, Almuqiim, Jiizaan, Xaa’if fi bakkeewwan birootti argama keessatti hidhamanii kan jiran ta’uun ibsameera.

Harka caalaan isaanii immoo dhalattoota Oromoo ta’uu namoonni itti dhiheenyaan quba qaban kan himan yoo ta’u qabiinsa gaahaa dhabuun miidhaaf saaxilamuu isaanii ibsameera.

Abbootiin Amantaa, dureeyyiin, Weellistoonni, Abbootiin Gadaa fi namoonni biyyaa alaa keessatti jireenya gaarii jiraataa jiran lammiilee jireenya jijjirachuuf biyya irraa bahanii manneen hidhaa biyya ormaa keessatti rakkataa jiraniif sagalee ta’uufii akka qabanis gabaasni arganne kun akeekee jira.

Manneen hidhaa kunniin, kan Embaasiin dhaqee hin laalle, kan yoo dhibamanillee yaala takka hin argannee fi dhiiraaf dubartiin dhibeewwan garagaraaf saaxilamanii du’anii fa’a kan argamaniidha jedha gabaasni arganne.

Itti dabalees hidhamtoonni haala hamaa keessa jiraachuu irraa kan ka’e peestaala gurraacha kan fooliin isaa halaalatti ofirraa nama dhoorku uffatanii waggootaaf achi keessa jiraatu jedha odeeffannoon arganne kun.

Dargaggoonni biyya irraa odeeffannoo sobaatiin dallaalotaan karaa seeraan alaatiin bahanii gidiraaf akka hin saaxilamne kan akeekkachiisu gabaasichi, dubbiin akka gaafa manaa sossobamanii bahanii osoo hin taane faallaa isaa gidiraaf akka saaxilaman kan taasisu ta’uus yaadachiise.

Leave a Reply