Naannoo Oromiyaatti caasaan dhoksaan nama ajjeesu ijaaramee hojiitti bobba’uu Rooyitarsi saaxile.

Naannoo Oromiyaatti koreen dhoksaa qondaaltota mootummaa olaanoo of keessa qabu, “WBO dabalatee mormitootasaa biroo ittiin himachuuf” jecha ajjeechaawwan seeraan alaa fi sarbama mirgaa lammiilee nagaarratti akka raawwatamu ajaja kennaa ture jedha gabaasni qorannoo Rooyitars saaxile kun.

Gabaasni qorannoo baatii tokko fudhate kun akka jedhutti, koreen dhoksaa ‘Koree Nageenyaa’ jedhamee waamamu kun, kaayyoo “mormii farra mootummaa fi jeequmsa naannicha keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo waliin walqabatuuf furmaata laachuu” qabatee erga MM Abiy Ahmad gara aangootti dhufanii booda hundeeffame.

Akka Rooyitars gabaasetti, koreen kun Pireezdaantii Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan kan hogganamu yoo ta’u, qondaaltota nageenyaa fi siyaasaa sadarkaa olaanaa kan hammateedha.

Caasaan namoota miseensota paartilee mormituu ta’an ajjeesuuf hundaa’e kun Abiyyi Ahemad’n kan hogganamu isumaan kan hundaa’e ta’uu Rooyitarsi hubachiise.

Gaaffii fi deebii qondaaltota mootummaa Itoophiyaa ammaa fi duraanii 30 ol waliin taasifame, akkasumas sanadoota dhimmicha agarsiisan sakatta’uun, qaamni kun koree nageenyaa namoota deeggartoota WBO fi mormitoota jedhamuun shakkaman irratti tarkaanfii gara jabummaa fudhataman qindeessaa turuu hubachuu ibseera.

Himannaawwan koree kanarratti dhiyaatan keessaa ajjeechaa seeraan alaa ajajuu, akkasumas namoota ”balaa nageenyaa” jedhamanii ilaalaman kanneen dhibbaatamaan lakkaawwaman ajaja mana murtii malee akka hidhaman ajajuu ni argamu.

Ajjeechaawwan caqasaman keessaa tokko bara 2021 keessatti ajjeechaa jumlaa Abbootii Gadaa Karrayyuu 14 irratti raawwatame argama.

Muddee 2021 keessatti Abbaa Gadaa Karrayyuu Kadir Hawaas Boruu dabalatee Abbootiin Gadaa Karrayyuu 14 erga butamanii booda ajjeefamanii argaman. Ajjeechaa kana hordofee mootummaan naannoo Oromiyaa ibsa baaseen yeroo sanatti ajjeechaa kanaaf Waraana Bilisummaa Oromoo himateera. WBOn gama isaatiin mootummaa himatee ture.

Ta’us miseensonni Paarlaamaa Itoophiyaa lama qondaalota mootummaan raawwatamuu, ajjeechaa sanaaf Araarsaa Mardaasaa gaafatamaa ta’uu dubbachii isaanii gabaasa Rooyitars kanaan caqafame. Ergasiin booda miseensota Paarlaamaa Itoophiyaa yeros ajjeechaan kun mootummaan raawwatamuu saaxilan keessaa tokko amma mana hidhaa jiraachuus Rooyitars ibsee jira.

Yeroos mootummaan ajjeechaa kanaaf Waraana Bilisummaa Oromoo kan himate ta’uus, qaamoleen nageenyaa naannichaa ajjeechaa sana akka raawwatan kan ajaje koreen qondaaltota mootummaa hammate kana ta’uu gabaasni Rooyitars ibseera.

Akkasumas, koreen kun sirna haqaa keessa hidhamtootni himannaa tokko malee mana hidhaa keessa akka tursiifaman raasisuus ibseera. Kana malees, hidhamtoonni hedduu ajaja koree kanaan adabbii humna elektirikii, fannifamuu fi reebicha irratti raawwatamaa turuus eerameera.

Abbootiin murtii fi abbootiin seeraa gidduu seenummaa akkasii mormuuf yaalanis haaloo bahuu fi doorsisni isaan mudachuu ibsame.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimma koree jedhamee kanaa fi himannaawwan irratti dhiyaatan ilaalchisee gaaffii Rooyitars dhiyeesseef deebii hin laanne.

Leave a Reply