Dhibdeen keessoo paartii siyaasaa PP akkaan dhagaa’amuun bubbuleera. Qondaalonnii fi gaggeessitoonni paartichaa hedduun hidhamuu, aangoorraa kaafamuun yeroo adda addaa gabaasa dhagaa’amaa turedha. Namni aangoo guddaa qabu itti aanaa MM Itoophiyaa ta’uun waggaa dheeraa tajaajile, dabalataan ministeera dhimma alaa ta’uun hojjetaa kan ture obbo Dammaqaa Mokonnonnon aangoo gadhiisuu gabaasaaleen bahaa jiran hubachiisaniiru.

Gabaasni har’a bahe kun yeroo dheeraadhaaf Itti-aanaa Muummee Ministira Itoophiyaa ta’uun kan hojjetaa turaniifi fi Sadaasa 2020 irraa eegalee dabalataan Ministira Dhimma Alaa biyyattii ta’uun kan tajaajilaa turan Obbo Dammaqaa Mokonniin har’aa eegalee gitoota hojii lamaan irraa gadhiisuun isaanii dhagahameera.
.
Kana malees, Amajjii 22, 2024 eegalee walga’ii isaa gaggeessaa kan jiru koree giddu galeessaa paartii Badhaadhinaa wal ga’ii har’a gaggeesseen sagalee guutuudhaan ifatti obbo Dammaqaa Mokonnoniin gaggeessuu isaa beeksiseera.

Bakka isaaniis miseensa koree hojii raawwachiisaa paartichaa kan ta’an Obbo Tamasgeen Xurunah Pireezdaantii Itti aanaa paartii baadhaadhinaa gochuun filateera.

Obbo Dammaqaan hundeeffama dhaabichaa bara 2019 irraa eegalee hanga har’aatti Pireezdaantii Itti aanaa paarichaa ta’uun tajaajilaa turaniiru.

Sababa maaliif akka hojii isaanii gadhiisan kan himamneef paarticha keessa turuuf keessaa bahuun isaaniis ammatti waan jedhame hin qabu.

Leave a Reply