Caffeen Oromiyaa mirga himatamuu dhabuu Obbo Taayyee Danda’aa kaase

Caffeen Oromiyaa yaa’ii idilee 6ffaa isaa gaggeessaa jiruun mirga himatamuu dhabuu, Deetaa Ministeera Nagaa Itoophiyaa kan turan Obbo Taayyee Danda’aa kaase.

Caffeen Oromiyaa Dilbata Gudhaandhala 18, 2024 irraa kaasee yaa’ii idilee gaggeessaa jiruun, muudamawwan garaa garaa raggaasisuu dabalatee har’a ammoo, mirga himatamuu dhabuu Obbo Taayyee Danda’aas kaasuu fuula miidiyaa hawaasaa Caffeerratti ibsamee jira.

“…Miseensi Caffichaa kamiyyuu yeroo ummanni isa filate amantaa irraa dhabetti, akka seeraatti, mirga himatamuu dhabuu kaasuu akka danda’u tumamee jira,” jechuun murtee kanaaf bu’uura seeraa eeran.

Obbo Taayyee Danda’aa ”mootummaa shiraan kuffisuuf socho’an” jedhamanii Mudde 12, 2023 to’annaa jala oolfamuun isaanii ni yaadatama.

Obbo Taayyeen MM Abiy Ahmad dabalatee aangawoota mootummaa Naannoo Oromiyaa irratti qeeqa dhiyeessaa turan. Qeeqa isaanii keessatti ciminaan kan barreessaa turan aangootti hirmaachuun qondaalonni mootummaa Oromiyaa ajjeechaa jumulaa dabalatee kaan keessaa harka qabaachuu caqasaa tura.

Addatti waa’ee ajjeechaa Karrayyuu irratti qondaalota olaanaa mootummaatti quba qabaa turaniiru. Ajjeechaa kanas balaaleffachuun Facebook dhuunfaa isaaniin katabaa turan. Dhugaa dhumaan dhimmanii dubbatuuf dantaa addaa walitti bu’iinsa keessoo akkasuma bu’aa dhuunfaaf dhimmanii qeeqa barreessaa turaniif dhiisee isaanii addaan baasuun ulfaatus rakkoo har’a Oromiyaan keessa jirtuuf gaafatamummaa hoggansa Oromiyaarra kaahaa turan.

Kana malees Deetaa Ministeera Nagaa Itoophiyaa ta’uun tajaajilaa kan turan Obbo Taayyeen, aangorraa kaafamuu hordofee jecha jabaan MM Abiy Ahimad qeeqanii ture.

Aangorraa akkuma kaafamaniin, ”Yaada Ida’amuu dubbatteefi barreessite amaneen isin hordofe. Dhawaata garuu nama waan dubbatuuf hin jiraanne qofa osoo hin taane, cubbamaa dhiiga namaatiin taphatu ta’uu keessanin hubadhe,” jechuun Feesbuukii isaanii irratti barreessanii ture.

Dabalataanis Obbo Taayyeen, ”Naatoo namaaf hin qaban. Osoo ilmi namaa du’uu… waan paarkii haasa’ani. Osoo namni waan nyaatu hin qabne, namni beelaan du’aa jiruu Birrii Biliyoonaan masaraa haaraa ijaaru,” jedhan.

Dabaluunis, ”…gaafa waraanni haa gaggeeffamu jennu homaa hin jenne. Gaafa obboleeyyan keenya haa araaraman, wal hin ajjeesiin jennaan aangoo irraa na kaasan. Kun aramanamummaa malee homaa tahuu hin danda’u,” jechuun jecha jabaan MM Abiy qeeqan.

Obbo Taayyee danda’aa akka jijjiiramni siyaasaa biyyattii keessatti dhufeen namoota gara bulchiinsa mootummaatti seenan adda dureedha. Obbo Taayyee Danda’aa fi Dr. Milkeessaa Miidhagaa adda durummaan kanneen jijjiiramaan booda bulchiinsa ODP amananii paartichas jabeessaaf haaromsaa turan keessaa tokko turan. Hanguma guyyaan oolee buluun hawwaasni tasgabbaa’aa adeemuuf mormiin uummataa qabbanaa’aa hanguma deeme namoota ilaalcha haaraa fudhatanii seenaan jedhamee eegame mootummaa keessaa haxaawamanii bahuu itti fufan.

Dr. Milkeessaa Miidhagaa erga aangoo gadhiisee biyya hambaa jiraachaa kan jiru yoo ta’u, bulchiinsi inni keessa ture paartiin pp uummata Oromoof tasuma naatoo kan hin qabne ta’uu irra deddeebiin himaa jira. Kun garuu erga aangoorraa darbameeti. San dura namoota jalqabaa irratti Abiyyiin faarsaa ABO fi WBO abaaraa turan keessaa isaan ijoo turan.

Leave a Reply