Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa “dhiibbaan humnoota mootummaan namudataa jiru hammaate” jedhan.

Waraanni mootummaa kaleessa lafa barii jala mana jireenyaa isaanii Maqiitti argamu irra deebiin weeraruu kan himan Abbaa Gadaa Goobanaan, isaanis tahe maatiin isaanii dhiibbaa jabaa jala jiraachuu himu.

Sababa gochi kun raawwatameef maali? jechuun Ajajaa Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Maqii gaafannaan, deebiin argadhe “Eda naannoo mana keetiitii dhukaasni dhukaafamaa bule” kan jedhudha jedhan Abbaan Gadaa.

Humnoonni mootummaa kana duras Ilma keetu bosona jira sababa jedhuun qe’ee isaanii weeraranii saamicha irratti raawwachuu fi dhiibbaa garaagaraa irraan gahaa turuu himan. Qabeenyi kana dura saamames akka hin deebi’in ibsuun, waliigalaan dhiibbaa jabaa jala jiraachuu himatan.

“Gadaan Oromoo kabaja qabdi, Qe’een Abbaa Gadaa kabaja qaba” kan jedhan Abbaa Gadaa Goobanaan, Uummanni Oromoo Abbaa Gadaasaa tuquun Sirna Gadaa isaatiitti bu’uu akka tahe hubachuu qaba jedhu. Gocha irratti raawwatames akka yaalii ajjeechaatti ibsuun, dhiibbaan isaan dabalatee waliigalaa uummata Oromoo mudataa jiru akka dhaabbatuuf gaafataniiru.

Leave a Reply