Kibba Oromiyaa Godina Booranaatti milishoonni dargaggoo tokko saamuuf qabanii osoo reebanii ajjeesan.

Dararaan hawwaasa irra dhaqqabu guyyumaan dabalaa kan deeme Oromiyaa keessatti ammallee haalli ooltee bultii hawwaasaa madda yaaddoo isa ulfaataa ta’aa jiraachuun barame.

Gabaasa arganneen Kibba Oromiyaa godina Booranaa aanaa Miyootti Kibxata dheengaddaa jechuun Bitootessa 05, 2024 dargaggoon ganna 24 Qallaa Bonayyaa jedhamu milishoonni saamuuf qabanii osoo reebanii ajjeefamuun mirkanaa’e.

Ajjeechaan dargaggoo kana irratti raawwatame qarshii namni kun baatee deemu harkaa saamuuf kan saganteeffame ta’uu barameera. Dargaggoon hojii dhuunfaa isaarratti bobba’ee jiraatu kun osoo Mootoraan imalaa jiruu milishootaan itti marfamee tohatamuu, yerosuma uleef qabata harkaa qaban maraan lafatti akka tuman himame.

Reebicha milishaa irraa hafuu dadhabuun dargaggoo Qallaa Bonayyaa lubbuun isaa darbuu odeeffannee jirra. Erga dargaggoo kana ajjeesaniis qarshii inni boorsaatti baatee deemuuf mootora isaa milishoonni akka saaman eerameera.

Ajjeechaa kana hordofee uummatni naannichaa hiriira bahuun gochaa badaa kana balaaleffachaa tufuu barameera. Mormiin uummataa gaafa hammaatu caasaan mootummaa naannichaa milishoota yakka kana raawwatan akka hidhe hime.

Dhugumaan hidheef dhiiseen isaa garuu ifatti waan barame hin qabu. Saamicha, hiraarsaaf dararaan addatti milishootaan hawwaasa irra gahu akkaan hammaataa ta’uu yeroo adda addaa gabaafama. Rakkoon saamichaan wal qabatee waraana mootummaaf milishaan raawwatu akka dhaabbatu uummatni yeroo hedduu himatus furmaatni waaran argame hin jiru.

Leave a Reply